Naannichatti Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaatiin Tola Ooltonni Miiliyoona 9 Caalan Nibobba’u

Waxabajjii 19/2017(TOI)- Naannoo Oromiyaatti Tajaajila Tola Ooltummaa Gannaatiin Tola Ooltonni Miiliyoona 9 Caalan Akka Bobba’an Biiroon Dargaggootaa fi Ispoortii Naannichaa Beeksise.

Biirichatti Qindeessaan Tola Ooltummaa Amiinoo Amaan TOI’f Akka Ibsanitti, Ganna Kana Hojiin Tola Ooltummaa Ciminaan Niraawwatama.

Walumaa Gala Tola Ooltota Miiliyoona 9 Tuqaa 3 Bobbaasuun Hojii Tola Ooltummaa Lammiilee Miiliyoona 33 caalan Fayyadan Nihojjetamu Jedhaniiru.

Biqiltuu Dhaabuu, Maaddii Qooduu, Manneen Manguddootaa Haaromsuu fi Ijaaruu, Barumsa Keessa Deebii Kennuu, Tajaajila Fayyaa Dabalatee Dameelee 14’n Tajaajilli Tola Ooltummaa Akka Hojjetamu Eeraniiru.

Hojii Tajaajila Tola Ooltummaa Bardheengaddaa Yeroo Walfakkaataa Hojjetameen Tola Ooltota Miiliyoona 8 Caalan Bobbaasuun Baasii Birrii Biiliyoona 14 Oolchuun Akka Danda’ame Odeffannoon Biiricharraa Argame Nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015