Tajaajillii hojii Tola Ooltummaa biyyoolessaa gannaa Walooma Itiyoophiyaa cimsuurratti xiyyeefatte niraawwatama

Waxabajjii 18/2017(TOI)- Tajaajillii hojii Tola Ooltummaa biyyoolessaa gannaa Walooma Itiyoophiyaa cimsuurratti xiyyeefatte Akka raawwatamu Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr.ErgoogeeTasfaayee  beeksisan.

Ministeerichi hojiilee qindoominaa tola ooltummaa Waqtii Gannaa bara 2017 ilaalchisee  qooda fudhattoota waliin Magaalaa Adaamaatti marii gaggeesseera.  

Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Dr.Ergoogee Tasfaayee Saganticha irratti akka jedhanitti, tajaajila tola ooltummaa marsaa 4ffaa bara Kanaan lammiilee Miiliyoona 52 fayyadamoo taassisuuf karoorfameera.

Sagantichaan tola ooltonni miiliyoona 31 guutuu biyyittiirraa tajaajila hojii adda addaa irratti akka hirmaatan ibsuun,‘’Tajaajilli Tola Ooltummaa Kun walooma Itiyoophiyaarratti Xiyyeeffateetu  raawwatama’’ jedhaniiru. 

Sagantaan tajaajila tola ooltummaa gannaa Mataduree ‘’ Tola ooltummaan Guddooma Itiyoophiyaaf’’ jedhuun hojiiwwaan walitti dhufeenya Hawaasummaa cimsaniin Dabaalamee  Kan Raawwatamu ta’uu ibsaniiru. 

Tajaajilli tola ooltummaa Sadarkaa Federaalaa irraa hanga Naannootti haala qindaa’een kan raawwatamu ta’uuu eeranii, duudhaalee biyyoolessaa dur turan guddisuun Nagaa fi tokkommaa biyyoolessaaf Xiyyeeffannoo Akka Kennu Dubbataniiru.

Lakkoofsi lammiilee tola ooltotaa yeroo yerootti dabalaa dhufuu kan ibsan  Ministirittiin,‘’ Ganna Kanas qindoomina dhaabbilee uumuun fayyadamummaa uummataa mirkaneessuuf  mihojjetama ‘’ jedhaniiru. 

 Ashaaraan Magariisaa, Dhiiga arjoomuun,  Ijaarsi nageenya biyyaa, haaromsii fi suphaan  mana  harka qal’eeyyii fi  barnoota keesa deebii, fayyaa fi kenneen biroon sagantichaan niraawwatamu jedhaniiru. 

Qooda fudhattoonnii federaalaa fi naannoolee hundaa, hoggantoonni hojii  dhimmichi ilaallatu waltajjicharratti hirmaachaa jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015