Abbootiin Amantaa fi Jaarsoliin Biyyaa Qooda Araar-Nagaaf  Qaban Cimsuu Qabu-Piroofeesar Masfin Ar’ayaa

Waxabajjii 18/2017(TOI)-Abbootiin Amantaa fi Jaarsoliin Biyyaa Qooda Araar-Nagaa Buusuu Keessatti Qaban Caalaa Cimsuu Akka Qaban Komishinariin Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ar’ayaa Ibsan.

Ministeerri Nagaa Waltajjii Maree Biyyaalessaa Jaarsolii Biyyaa, Abbootii Amantaa, Gaggeessitoota Gosaa Hooggantoota Dhaabbata Nagaa Mata Duree “Qabeenyota HawaasummaaKeenya Tokkummaa Sabdaneessummaa Keenyaaf” Jedhuun Taa’amu Eegaleera.

Komishinariin Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeessar Masfin Ar’ayaan Barreeffama Marii Qooda Abbootiin Amantaa fi Jaarsoliin Biyyaa Guddina Nagaa fi Tokkummaa Biyyaa Irratti Qaban Ilaallatu Dhiheessaniiru.

Itiyoophiyaan Biyya Aadaa fi Seenaa Miidhagaa Qabdu Biyya Guddoo Ta’uu Ibsaniiru.

 Imala Seenaa Itiyoophiyaa Keessatti Jaarsoliin Biyyaa fi Abbootiin Amantaa Ijarsa Mootummaa fi Nageenyaa Keessatti Gumaacha Olaanaa Gumaachuusaanii Kaasaniiru.

 Kana Malees Abbootiin Amantaa fi Jaarsoliin Biyyaa Qooda Araara Buusuu Keessatti Qaban Caalaa Cimsuu Akka Qaban Dubbataniiru.

 Fuulduras Nageenya Biyyaalessaa Keessatti Mootummaa Cinaa Ta’uun Beekiumsaa fi Ogummaa Kennameef Fayyadamuu Akka Qaban Himaniiru.

Sirna Haqaa Guddisuun Yakki Raawwatamu Deebii Sirrii fi Madaalawaa Akka Argatu Gumaacha guddaa Akka Qaban Dubbataniiru.

Haala Kanaan Al-Loogawummaa fi Amanamummaasaanii Eeganii Bulchiinsa Mootummaa Idileef Gorsaa fi Deeggarsa Gochuun Itti Gaafatamummaa Sammuu Bahuu Qabu Jedhaniiru.

Seera Qabeessummaan Abbootii Amantaa fi Jaarsolii Biyyaa Dhaala Aadaa fi Kabajarraa Kan Maddu Ta’uu Ibsaniiru.

Ministirri Nageenyaa Obbo Mahaammad Idris, Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Miseensonni Koree Dhaabbataa Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa, Abbootiin Amantaa, Jaarsoliin Biyyaa fi Abbootiin Gadaa Naannole fi Bulchiinsota Magaalaa Hundarraa Walitti Dhufan Waltajjii Har’a Waxabajjii 18/2017 Irraa Eegalee Akkaadaamii Ga’oomaa Hooggansa Afriikaatti Guyyoota Lamaaf Tururratti Argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015