Hidhattoonni Duraanii Kuma 61 Caalan Hawaasatti Makamaniiru-Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa

Waxabajjii 17/2017(TOI)-Yeroo Darbe Hidhattoonni Duraanii Kuma 61 Caalan Leenjii Haarmsaa Fudhatanii Hawaasatti Makamuu Isaanii Komishiniin Haaromsaa Biyyaalessaa  Ibse.

Komishinichi Mootumaa Swiidin Waliin Ta’uun Qooda Fudhattoota Naannolee Tigraayi, Oromiyaa, Amaaraa, Affaarii fi Beeniishaangul Gumuz Irraa Walitti Dhufaniif Finfinneetti Leenjii Leenjiftootaa Eegaleera.

Lenjichi Hidhattoota Debisanii Dhaabuun, Intarpiruunarshiippii fi Hojii Uumuurratti Kan Xiyyeeffatu Guyyoota Walitti Aanan Sadiif Akka Turus Eerameera.

Wayita Kanatti Ergaa Kan Dabarsaan Komishinariin Komishinii Haaromsaa Biyyaalessaa Tamasgeen Xilahun, Komishinichi Hidhattoota Duraanii Hawaasatti Makuuf Hojiilee Hedduu Hojjeteera Jedhan.

Itti Aanaan Komishinaraa Komishinichaa fi Raayyaa Ittisaa Bakka Bu’uun Saganticha Qindeessaa Kan Jiran Birgaader Jeneraal Darribee Makuriyaa Gamasaaniin, Komishinichi Erga Hojii Eegalee Kaasee Hidhattoonni Duraanii kuma 61 Leenjii Akka Fudhatan Gochuun Hawaasatti Hawaasatti Akka Makaman Gochuusaa Eeraniiru.

Qaamolee Hojii Kanarratti Hirmaachaa Jiranis Galateeffataniiru.

Hidhattoota Duraanii Hawaasanni Makuu fi Dhaabuun Ijaarsa Nageenyaa Bu’a Qabeessa Gama Gochuutiin Qooda Guddaa Akka Qabaatu Eeraniiru.

Komishinichi Hidhattoota Duraanii Hojii Dhaabbataa Uumanii Gara Oomishtummaatti Akka Deebi’an Hojjecha Akka Jiru Dubbataniiru.

Leenjiin Har’a Jalqabame Carraa Hojii Uumuu fi Hidhattoota Jireenya Tasgabbaa’aa Akka Jiraatan Gumaacha Guddaa Akka Qabaatu Eeraniiru.

Yeroo Dhufutti Hidhattoota duraanii Biroo Hawaasatti Makuu fi Deebisanii Dhaabuun Akka Ittifufu Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015