Itiyoophiyaa fi Angoolaan tumsa gam-lamee cimsuuf akka hojjetan ibsan - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaa fi Angoolaan tumsa gam-lamee cimsuuf akka hojjetan ibsan

Waxabajjii16/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Angoolaan hariiroo gam-lamee qaban guddisuu fi Afrikaan Shoora Addunyaarratti qabdu guddisuuf tumsa isaanii jabessuuf akka hojjetan pirezidantonni biyyoota lamaanii ibsan.
Pirezidaantiin Rippaabilika Federalaa ItiyoophiyaaTaayyee AtseqaSillaasee Pirezidaantii Angoolaa fi durataa’aa gamtaa Afriikaa yeroo ammaa Joo Lorenso waliin marii’ataniiru.
Mariin kun waltajjii daldalaa Afriikaa-Ameriikaa magaala guddoo Angoolaa Luwaandaaatti adeemsifamaa jiru cinaatti gaggeeffame.
Hoggantoonni lameen hariiroo fi tumsa biyyoota lameeniin cimsuun haala danda’amurratti, marii’achuu isaanii Maricha Kan Hordofan Ministeera Dhimma Alaatti Daarekteerri Olaanaan Dhimma Afriikaa Ambaasaadder zarihun Abbabaa TOI’f ibsaniiru.
Keessummattuu, Hariiroo Cimsuuf gurmaa’insa dhaabbiilee uumuun barbaachisaa ta’uu tilmaama keessa galchuun Koreen Ministeerotaa waloon Kanaan dura biyyoota lameen giduutti hundeeffame saffisaan gara hojiitti akka galu hoggantoonni waliigalteerra ga’ameera jedhaniiru.
kana hordofuun Ministiroonni gama lameen jiran qajeelfamni akka isaaniif kennamu marii’ataniiru.
Hoggantoonni lameen dhimmoota Aardiirratti xiyyeeffannoo kennuun kessumattuu Afriikaan waltajjii Addunyaarratti qooda qabdu haala guddisuun danda’amurratti marii’achuu isaanii ibsaniiru .
Keessummattuu haaromsa dhaabbilee mana maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin kan wal qabatu irratti marii’achuu fi Afriikaan rakkoolee har’a Addunyaa mudachaa jiraniif furmaata barbaaduu keessatti gahee adda durummaa akka qabaattuuf haala dandeessisan irratti marii’ataniiru.
Dhumarratti Pirezidaant Taayyee AtsqaSillaasee Mootummaan Angoolaa Simannaa Jila Itiyoophiyaaf Taassiseef Pirezidaantii Angoolaa Joo Lorenso galateeffataniiru jechuun Galaalchaan TOI bakkicharraa gabaaseera.