Riifoormiin Tajaajila Mootummaa Ajanda 2063 fi Galmoota Misooma Egereen Kan Walsimedha - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin Tajaajila Mootummaa Ajanda 2063 fi Galmoota Misooma Egereen Kan Walsimedha

Waxabajjii 16/2017(TOI)- Riifoormiin Tajaajila Mootummaa Itiyoophiyaa Ajanda Gamtaa Afriikaa 2063 fi Galmoota Misooma Dhaabbata Mootummootaa Egereen Kan Walsimu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Hoogganaan Jiddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokiraasii fi Ittaanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah Ibsan.
Foramiin Bulchiinsii fi Tajaajilli Mootummoota Biyyoota Miseensa Gamtaa Afriikaa 10ffaa fi Riijinii Afriikaa Dh.M.G Mootummaan Itiyoophiyaan Waxabajjii 14 Bara 2017 Irraa Eegalee Guyyoota Walitti Aanan Sadiif Cinaatti Keessummeessite Xumurameera.
Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Hoogganaan Jiddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokiraasii fi Ittaanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faaraah Ergaa Sagantaa Xumuraarratti Dabarsaniin, Waltajjiin Kunneen Milkaa’oo Ta’uu Ibsaniiru.
Dhaabbilee Haallen Addunyaa Jijjiiramaa deeman Damdamachuu fi Deebii Kennuu Danda’an Uumuu Barbaachisa Jedhaiiru.
Kalaqoota Haaraa fi Moodaloota Kana Hubanoo Keessa Galchan Hojiirra Oolchuun Nibarbaachisa Jedhaniiru.
Tajaajilli Mootummaa Rakkoolee Bara Dheeraaf Afriikaa Keessa Turan Furuuf Kan Dandeessisu Ta’uu Eeruun, Dandeettii Ogummaa, Hooggansaa fi Tumsaa Tajaajiltootaa Cehumsa Ardiif Murteessaa Ta’uu Kaasaniiru.
Itiyoophiyaan Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf Riifoormiirra Akka Jirtu Eeranii, Kanaaf Ammoo Dhaabbata Masoob Ijaaruushee Ibsaniiru.
Yaad-Rimeen Tajaajila Jiddugala Tokkoo Masob Tajaajila Si’ataa fi Ariifataa Kennuurraa Kan Madde Ta’uu Eeranii, Bu’aan Qabatamaan Irraa Argamaa Akka Jirus Dubbataniiru.
Fageenyii fi Haalli Osoo Hindaandessiin Tajaajila Argachuuf Kasn Gargaaru Ta’uu Obbo Adam Himaniiru.
Tajaajilli Mootummaa Itiyoophiyaa Hammataa Ta’uu Eeranii, Ajandaa Gamtaa Afriikaa 2063 fi Galmoota Misooma Egeree Dh.M.G Waliin Kan Walitti Hidhame Ta’uu Ibsaniiru.
Hojmaatileen Dijitaalaayizeeshinii, Gabbisa Dandeettii fi Kalaqaan Deeggarame Fulla’insa Qabaachuu Akka Qabu Eeraniiru.
Komishinariin Komishinii Siviil Sarviisii Federaalaa Dr. Makuriyaa Hayilee, Murteen Cimaan Rakkoolee Bulchiinsa Gaarii Furuun Tajaajila Si’ataa fi Haqa Qabeessa Kennuu Dandeessisu Yaa’ii Afriikaa Kanarratti Darneera Jedhaniiru.
Yaa’ii Itti Aanus Itiyoophiyaan Akka Keessummeessitu Irra Deebiin Flatamuushee Ibsaniiru.
Komishinii Gamtaa Afriikaatti Daarektarri Bulchiinsaa fiWalitti Bu’iinsa Ittisuu Peshensi Chiraadzaa Gamasaaniin, Walgahiin Lameen Walcinaatti Taasifaman Milkaa’inaan Xumuramuusaaf Ummataa fi Mootummaa Itiyoophiyaa Galateeffataniiru.