Xaa’oon Kuntaalli Miiliyona 21 gara biyya keessaatti Geejibsiifamaa jira -Ministeera Qonnaa - ENA Afaan Oromoo
Xaa’oon Kuntaalli Miiliyona 21 gara biyya keessaatti Geejibsiifamaa jira -Ministeera Qonnaa

Waxabajjii 11/2017(TOI)-Waktii Gannaa bara 2017/18tiif kan oolu xaa’oon Kuntaalli Miiliyeena 21gara biyya keessaatti Geejibsiifamaa jiraachuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Gannaa Kana lafa Hektaara Miliyoona 20 tuqaa 43 Sanyii Facaasuun oomisha kuntaala miiliyoona 659 ol walitti qabuuf Karoorfamee hojjetamaa jira.
Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaan misooma Midhaanii Isayaas Lammaa TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaaatti hojiin birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf dandeessisan raawwatamaa jira.
Kanaanis Jallisii Bonaa, qonna gannaa, qonna Arfaasaa fi filannoowwan misooma midhaanii biroo babal’isuun Omishtummaa Qonnaaratti bu’aa qabatamaan galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru
Carraaqqii birmadummaa nyaataa Itiyoophiyaa Mirkaneessuuf taassifamuuf qophiin Oyiruu, dhiheessii fi raabsaan Xaa’oo fi sanyii filatamaan qooda guddaa bahaa Jiraachuu dubbataniiru.
Keessumaa waggoota dhihootii asitti, bittaan xaa’oo qophii qonnaa taassifamu dursee raawwatamuun Qonnaan bulaan dursee galtee Akka Argatu carraa uumuusaa kaasaniiru.
Bara baajataa 2017/18 qabame waktii gannaa xaa’oo miiliyona 21 gara Itiyoophiyaatti Geejibsiifamee karaa waldaalee bu’uuraan qonnaan bulaaf akka qoodamu taassifamaa jiraachuu beeksisaniiru.
Karora omishtummaa bara2016/17 ka’umsa godhachuun misooma qonnaa fooyya’aa raawwachuuf qophiin raawwatamaa jiraachuu kaasaniiru.
Kaka’umsa Qonnaan bulaa misooma qonnaa guddisuun lafa hektaara miiliyoona 20 tuqaa 43 Facaasuun callaa kuntaala miiliyoona 650 Walitti Qabuuf karoorfamuu ibsaniiru.
Itti Aanaan Daarektara Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa Dr.Asamminoo Tashoomaa gamasaaniin, Ganna kana roobni idilee fi idileen olii ni eegama jedhaniiru.
Baatiiwwan Adoolessaa fi Hagayya dhufan roobni idilee fi idileen ol eegaman hojii misooma qotee bulaaf faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Dhaabbatichi Qooda fudhattoota waliin ta’uun bakkeewwan lolaan itti mudachuu danda’an addabaasuun hojiin dursanii ittisuu hojjetamaa jirachuu ibsuun, qotee bulaan ammumaan eeggannoo akka taassisu waamicha dhiheessaniiru.