Ashaaraan Magariisaa Furmaatilee Qabatamaa Jijjiirama Haala Qilleensaaf Kutannoo Itiyoophiyaan Qabdu Kan Agarsiisudha-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Ashaaraan Magariisaa Furmaatilee Qabatamaa Jijjiirama Haala Qilleensaaf Kutannoo Itiyoophiyaan Qabdu Kan Agarsiisudha-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 09/2017(TOI)-Ashaaraan Magariisaa Itiyoophiyaan Jijjiirama Haala Qilleensaaf Kutannoo Olaanaa Furmaatilee Qabatamaa Qabdu Kan Agarsiisu Ta’uu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ibsan.
Ministirri Muummee Ergaa Fuula Miidiyaa Hawaasummaa Isaniirratti Barreessaniin, Dachee Dur-Durii Kan Taate Itiyoophiyaan Gamtaa Afriikaa Waliin Ta’uun Yaa’ii Jijjiirama Haala Qilleensaa Afriikaa Lammaffaa Akka Keessummeessitu Ibsaniiru.
Yaa’iin Qaam’ee 3-5 Bara 2017tti Gaggeeffamu kun Yaadama “Mariileen Dhimma Magariisaa Tarkaanfiiwwan Magariisa Bu’uureffatan” Irratti Xiyyeeffate Kun Tarsiimoo jijjiirama Haala Qilleensaa Afriikaa Deeggaruuf Furmaatileen Ijoo Uumama Irratti Hundeeffaman Akka Dhihaatan Dubbataniiru.
Tarsiimichi Afriikaan Deebitee Magariisaan Akka Guutamtuu fi Tumsa Afriikaa Cimsuurratti Akka Xiyyeeffate Ibsaniiru.
Qophiin Ashaaraa Magariisaa Baranaaf Taasifamaa Jiru Kutannoo Cimaa Itiyoophiyaan Furmaatilee Qabatamaa Ta’aniif Qabdu Agarsiisa Jedhaniiru.
Ergaan Kun Ifa Kan Jedhan Ministirri Muummee Ummamarratti Qabeenya Invast Gochuun, Rakkoolee Furuuf Furmaatilee Bu’a Qabeessa Kalaqa Ofkeessaa Qaban Bal’isuu fi Uumamni Lafaa Dinagdee Kan Warraaqsu Akka Ta’u Gochuun Akka Barbaachisu Hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan Hirmaattota Yaa’ii Jijjiirama Haala Qilleensaa Afriikaa Simachuuf Qophoofteetti Jechuun Ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.