Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwaan Faayidaa hedduu qabanii fi dhaabbi haala ikooloojii bu’uura godhateen gaggeessuuf Qophiin taassifameera - ENA Afaan Oromoo
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwaan Faayidaa hedduu qabanii fi dhaabbi haala ikooloojii bu’uura godhateen gaggeessuuf Qophiin taassifameera

Waxabajjii 07/2017 (TOI)-Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qabanii fi haala Ikooloojii bu’uureffateen dhaabuuf qophiin taassifamuun ibsame.
Ministeera Qonnaatti Hojii Raawwachiisaa olaanaan Eegumsa Misooma Qabeenya Uumama fi itti fayyadamaa Faanosee Mokonnin TOI waliin Gaaf-deebii taassisaniin, sagantaa Ashaaraa Magariisaa ganna kanaaf qophii taassifameera Jedhan.
Qophiin biqiltuu biliyoona 7 tuqaa 5 dhaabuu dandeessisu raawwatamuu ibsuun, biqiltuuwwan Mandhaalee fi faayidaa heduu qabaniif xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru.
Dhaabbiin biqiltuu haala ikooloojii bu’uura godhateen akka ta’e ibsuun, kanaafis hojiiwwan barbaachisoon raawwatamuu kaasaniiru.
Sagantaa Ashaaraa magarisaa waggoottan darbaniin bu’aawwan hedduun argamuu kan ibsan gaggeessaan olaanaa, kunis yeroo ammaa wabii nyaataa mirkaneessuuf hirmaannaa taassifamuuf gahee guddaa qabaachuu fi carraa hojii uumuu danda’uu dubbataniiru.
Daarekteerri olaanaan jiddugala biqiltuu Gullallee Injiinar Guutamaa Morodaa gama isaaniin akka ibsanitti, Magaalaa Finfinnee jiraattotaaf mijattuu taassisuuf uwwisa naannoo magariisaa guddisuun murteessaa dha jedhaniiru.
Kunis faalama Qilleensaa Ittisuuf qooda guddaa qabaachuu kaasuun, biqiltuuwwan Mandhaaleen filatamaa ta’uu dubbataniiru.
Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara Kanaaf giddugalichatti qophaa’an dhibbentaa 50 kan ta’an biqiltuuwwan Mandhaaleedha jedhaniiru.