Hojiilee Misoomaa Fayyadama Dargaggootaa Guddisan Caalaatti Cimsuu Barbaachisa- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Hojiilee Misoomaa Fayyadama Dargaggootaa Guddisan Caalaatti Cimsuu Barbaachisa- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Waxabajjii 07/2017(TOI)- Hojiilee Misoomaa Fayyadama Dargaggootaa Guddisan Caalaatti Cimsuun Ittifufsiisuun Akka Barbaachisu Pirezidaantiin RDFI Taayyee AtsqasillaaseeIbsan.
Warshaan ‘Keenyaa Bivereegsi’ Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaa Dhiheenya Magaalaa Giinciitti Ijaarame Eebbifamee Tajaajila Eegaleera.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa Dabalatee Hooggantoonni Olaanoo Biroo fi Jiraattonni Naannawichaa Sirna Eebbaarratti Argamaniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Wayita Kana Hojiileen Misoomaa Fayyadama Dargaggootaa Jiddugala Kan Godhatan Ta’uu Akka Qaban Dubbataniiru.
Warshaan Har’a Eebbifames Hawaasa Naannawichaaf Eebba Guddaa Ta’uu Eeranii, Galtee Dhiheessuurraa Eegalee Faayidaa Dinagdee Guddaa Qaba Jedhaniiru.
Keessumaa Damee qonnaa Guddisuurratti Faayidaa Guddaa Qabaachuu Kaasaniiru.
Kanaaf Hojiileen Misoomaa Dargaggootaaf Carraa Hojii Uumanii fi Fayyadama Dargaggootaa Jiddugala Godhatan Caalaatti Guddisuun Akka Barbaachisu Ibsaniiru.
Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa Gamasaaniin, Hojiilee misoomaa Waggoottan Darban Naannichatti Hojjetamaniin Dargaggoota Fayyadamoo Taasisuun Akka Danda’ame Dubbataniiru.
Mootummaan Naannichaa Hojmaatilee Fooyyessuun fi Ummata Bal’inaan Hirmaachisuun Sochii Dinagdee Jajjabeessaa taasisaa Jiraachuu Kaasaniiru.
Keessumaa Hojiileen Misoomaa Dargaggoonni Hojii Akka Argatanii fi Damaqinaan Akka Hirmaatan Carraa Uuman Hojjetamaa Jiraachuu Ibsaniiru.
Warshaan Har’a Eebbifame Agarsiiftuu Kanaa Ta’uu Eeranii, Hojiin Akkasii Ciminaan Ittifufu Jedhaniiru.
Warshichi Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaaatti Baasii Birrii Biiliyoona 22n Lafa Heektaara 110 Irratti Ijaaramuunsaa Beekameera.
Warshichi Abbootii Aksiyoonii Kuma 4 Caalaniin Kan Hundeeffamee fi Namoota 250 Caalaniif Kallattiin Carraa Hojii Uumuunsaa Himameera.
Akkasumas Dhiheessii Oomishaa fi Kanneen Biroon Karaa Alkallattii Namoota Kuma 1f Carraa Hojiitti Fayyadoo Akka Taasisu Beekameera.