Barsiisonni dhugaa fi Beekumsa safartuu godhachuun dhalootaa fi Ijaarsa biyyaa irratti  gahee gaggeessummaa cimsuu qabu-Ministira Muummee Dr.Abiyy Ahimad

Waxabajjii 07/2017 (TOI)-Barsiisonni dhugaa fi Beekumsa safartuu godhachuun Ijaarsa dhalootaa fi biyyaa irratti gahee gaggeessummaa cimsuu akka qaban Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan.

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad barsiisota guutuu Biyyaarraa Walitti Dhufan dhufan waliin marii gaggeessaniiru .

 Ministirri Muummee Gaaffii Barsiisotaan Gaafatamaniif Ibsa kennaniin, Barsiisonni dhugaa fi Beekumsa irratti kan hundaa’an waan ta’aniif yaannisaanii galtee Imaammataaf akka oolu dubbataniiru .

 Barri akaakayyuu fi akaakilee keenyaa  adda adda akka ture eeruun, barri keenya Addunyaa addaa ta’uu hubachuu qabna jedhaniiru. 

Itiyoophiyaa keessatti dhugaa fi beekumsi safartuu akka  ta’u barsiisonni cimanii hojjechuu qabu  kan jedhan Ministirri Muummee waan amma jiru xiqqeessuuf waan darbe kan hin jirre kasuun sirrii akka hin taane ibsaniiru.

 Dhugaa fi Beekumsi gatii kan nama kaffalchiisuu fi  kan nama qoru ta’uu eerruun, baay’een  daandii qaxxaamuraa badisaa kan ta’e hordofu jedhaniiru.

Yeroon amma  keessa jirru bara dhugaa booda sobnii fi Wacni kan itti  mo’edha kan jedhan Ministirri Muummee, hojjechuu dhiisuu qofa osoo hin ta’iin kan hojjetames akka diigu  dabalanii ibsaniiru.

Barsiisonni ulfaataa fi kan nama qoru dhugaa fi beekumsa barbaaduudhaan dhaloota ceessisuu fi biyya ijaaruun isin irraa eegama jedhaniiru.

Kennaan Barsiisotaa Dadhabuu, Hojjechuu fi Biyya Ceesisuu Waan Ta’eef Dhaloota Nyaata Guyyaarra Darbee Yaduu Danda’u Uumuu Akka Qaban Ibsaniiru.

Biyya Fooyyofte Ijoollee Keenya Dhaalchisuuf Hiyyumni Nugahe, Kadhachuun Nunuffisiise Jennee Waan Qabnu Duguugnee Misoomaaf Oolchuu Qabna Jedhaniiru.

 Bara Miirri caalee Mul’ate, Dhugaan Bara Qallatte Kana Barsiisonni Dhugaa fi Beekumsi Kan Isaan Dirqisiise Malee Sanyummaan Kan Isaan Yaaddessu Ta’uu Hinqaban Jechuun Ibsaniiru.

Barsiiftonni Seenaa Kaleessaa fi Haala qabatamaa Har’aarra Darbanii Sadarkaa Bara dhufuu Hubachuu Akka Qaban Hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015