Mootummaan Rakkoolee Buleeyyii Hammattoo Shaniin Furuuf Murteessee Hojjechaa Jira-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Mootummaan Rakkoolee Buleeyyii Hammattoo Shaniin Furuuf Murteessee Hojjechaa Jira-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 07/2017(TOI)- Mootummaan Rakkoolee Buleeyyii Hammattoo Shaniin Furuuf Murteessee Hojjechaa Jiraaachuu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ibsan.
Ministiirr Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Barsiisota Guutuu Itiyoophiyaarraa Walitti Dhufan Waliin Mari’ataniiru.
Marii Kanaanis Gaaffilee Barsiiftonni Gafataniif Deebii fi Ibsa Taasisaniiru.
Gaaffii Barsiisotaa Deebisuuf Xiyyeeffatamee Hojjetanaa Jiraachuu Kaasanii, Haata’u Malee Gaaffichi Mindaa Dabaluun Qofa Kan Deebi’u Akka Hintaane Ibsaniiru.
Mootummaan Rakkoolee Buleeyyii Hammattoo Shaniin Furuuf Murteessee Hojjechaa Jiraachuu Ministirri Muummee Ibsanii, Kan Jalqabaa Marii Biyyaalessaa Hammataa Ta’uusaa fi Kunis Seenaa Itiyoophiyaa Keessatti Kan Jalqabaa Ta’uu Yaadachiisaniiru.
Haqni Cehumsaa, Qaamolee Hidhatan Haaromsaan Hawaasatti Makuu(DDR), Riifoormii Dinagdee Damee Heddumminaa, fi Riifoormiin Dhaabbilee Hammattoowwan Biroo Ta’uusaanii Kaasaniiru.
Gama Biroon Bajata Damee Barnootaa Iaalchisee Ibsa Kennaniin, Bajanni Yuunivarsiitii Tokkoo Bajata Ministeera Barnootaa Akka Caaluu fi Bajanni Yuunivarsiitiiwwan Hundaa Guddaa Ta’uu Dubbataniiru.
Barsiisonni Yaaduu Kan Qaban Barumsa Attamiin Bal’isuu Qabna Kan Jedhudha Kan Jedhan Ministirri Muummee, Barumsa Bal’isuuf Oomishtummaarratti Waliin Hojjechuun Akka Barbaachisu Dubbataniiru.
Dhaabbilee Ammayyeessuun Gaaffii Barsiisotaa Deebisuuf Nihojjetama Jedhaniiru.
Sosochiin Barumsi Dhalootaafii, Ijaarsa Seenessa Waloo, Oomishtummaa, Kooriidarii Baadiyyaa fi Qulqullina Barnootaarratti Waliin Tumsuun Akka Barbaachisu Kaasaniiru.
Hammattoowwan Rakkoolee Furuuf Qabaman Shan Ittiin Nama Gahu Malee Galma Miti Kan jedhan Ministirri Muummee Milkaa’ina isaaf Hundi Akka Tumsu Waamicha Taasisaniiru.