Itiyoophiyaatti Nageenyi Fulla’aan Akka Bu’u Mootummaan Kutannoo Olaanaan Hojjechaa Jira-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaatti Nageenyi Fulla’aan Akka Bu’u Mootummaan Kutannoo Olaanaan Hojjechaa Jira-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Waxabajjii 07/2017(TOI)- Itiyoophiyaatti Nageenyi Fulla’aan Akka Bu’u Mootummaan Kutannoo Olaanaan Hojjechaa Akka Jiru Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ibsan.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Barsiiftota Guutuu Biyyaarraa Walitti Dhufan Waliin Mari’ataniiru.
Itiyoophiyaa Keessatti Nagaa Buusuuf Hojii Mootummaan Hojjechaa Jiru Iaalchisuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Marii Kanarraatti Ibsaniiru.
Mootummaan Hojii Nageenyaa Dhaabbataan Haa Hojjennu Jechuun Ministeera Nageenyaa Hundeessuun Kaasanii, Dhaabbatichaan Alattis Rakkoo Jiran Furuuf Humnoota Hidhatan Waliin Carraaqqii Guddaa Taasisuu Dubbataniiru.
Haata’u Malee Qaamleen Waamicha Nageenyaa Mootummaan Dhiheesse fi Harka Hiidxate cinaatti dhiisuun Hunaa deemuu Filatan Akka Jiran eeranii, Marii fi Walii dubbachuun Ala Nageenya Fiduu Kan Danda’u Akka Hinjirree Hubachuu Qabu Jedhaniiru.
Hidhattoonni Waamicha Fudhatanii Karaa Nagaa Harka Kennatan Simachuurra Darbuun Siyaasa Itiyoophiyaa Keessatti Akka Hirmaatan Gochuun Mootummaan Kutannoo nageenyaaf Qabu Ifatti Agarsiisuusaa Himaniiru.
Nageenya Itiyoophiyaaf Jecha Rakkoo Jiran Karaa Nagaa Mariin Furuu Barbaaduu fi Yaada Caalun Qaba Kan jedhu Qaama Kamiifuu Balballi Mootummaa Yaamiyyuu Banaadha Jechuun Ibsaniiru.
Humnoota Waamicha Nageenyaa Cinaatti Dhiisuun Nama Ugguruu fi Manneen Barnootaa Cufsiisuu Dabalatee Humnaan Deemuu Filatan Irratti Tarkaanfii Seera Kabachiisuu Fudhachaa Akka Jiru Beeksisaniiru.
Mariin Piriitooriyaa Mootummaan Kutannoo Nageenyaaf Qabu Qabatamaan Kan Itti Mirkaneessedha Jechuun Ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Nagaan Itiyoophiyaan Barbaahisaaha Kan Jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi, Kun Akka Ta’uuf Ammoo Mootummaan Ciminaan Hojjechaa Jiraachuu Himaniiru.
Humnoota Nagaa Barbaadan Qaama Ijaarsa Nageenyaa Gochuun Waliin Nihojjenna Jechuun Dubbataniiru.