Waldaan Aksiyoonichaa Bakkeewwan Baaburri Keessa Darbu Jahatti Manneen Barnootaa Ijaaruufi - ENA Afaan Oromoo
Waldaan Aksiyoonichaa Bakkeewwan Baaburri Keessa Darbu Jahatti Manneen Barnootaa Ijaaruufi

Waxabajjii 06/2017(TOI)- Waldaan Aksiyoonii Baabura Itiyoophiyaa Jibutii Bakkeewwan Baaburri Keessa Qaxxaamurutti Manneen Barnootaa Jaha Ijaaruuf Qophii Xumuruu Ibse.
Waldaan Aksiyoonichaa Nageenya Baaburaa Karaa qindaa’aa Ta’een Eeguuf Kutaalee Hawaasaa Bakkeewwan Baaburri Keessa Qaxxaamuru Kiran Waliin Hojjechaa Akka Jiru Ibsameera.
Daarektarri Komunikeeshinii Waldaa Aksiyoonaa Baaburaa Itiyoo Jibutii Munaa Ahimad TOItti Akka Himanitti, Kutaaleen Hawaasaa Naannolee fi Magaalota Baaburri Keessa Darbu Keessatti Argaman Nageenya Baaburaa Eeguun Qoodasaanii Bahaa Jiru.
Hojiilee Kana Caalaatti Guddisuuf Hawaasa Naannawicha Keessa Jiraatuuf Manneen Barnootaa Ijaaruun Qooda Hawaasummaa Nibaha Jedhaniiru.
Waldaan Aksiyoonichaa Hawaasa Waliin Qindaa’ee Hojjechuusaatiin Miirri Abbummaa Hawaasaa Oolee Bulee Dabalaa Dhufuu Dubbataniiru.
Haala Kanaan Waldaan Aksiyoonichaa Manneen Barnootaa Sadarkaa Lammaffaa Ammayyaa Jaha Ijaaree Hawaasaaf Nidabarsa Jedhaniiru.
Waldaa Aksiyoonichaatti Dursaan Garee Hawaasaa fi Qooda Fudhattootaa Mi’eessoo Dawwallee Ittaanaa Komaandaraa Gulummaa Taayyee, Nageenya Baaburaa Karaa Amansiisaa Ta’een Eeguun Akka Barbaachisu Eeranii, Gaggeessitoonni Aadaa fi Jaarsoliin Biyyaa Qoodasaanii Bahaa Akka Jiran Ibsaniiru.
Dargaggoonni Bakkeewwan Baaburri Keessa Darbu Jiraatan Carraa Hojii Fayyadamaa Akka Jiran Dubbataniiru.
Keessumaa Waldaan Aksiyoonichaa Bara dhufu Manneen Barnootaa Ammayyaa Jaha Ijaaruuf Qophaa’uunsaa Sochii Ta’uu Himaniiru.
Hawaasa Qindeessuun Nageenya Eegaa Jirra Kan Jedhan Ammoo Gaggeessaa Aadaa fi Bakka Bu’aa Ugaaz Hawaasa Somaalee Isaa Obbo Abdoo Umar Jedhamu.