Maqaa Gaarii Itiyoophiyaa Waltajjiiwwan Idil Addunyaa fi Riijiniitti Beeksisuuf Hirmaannaa Lammiilee Barbaada-Ministeera Dhimma Alaa - ENA Afaan Oromoo
Maqaa Gaarii Itiyoophiyaa Waltajjiiwwan Idil Addunyaa fi Riijiniitti Beeksisuuf Hirmaannaa Lammiilee Barbaada-Ministeera Dhimma Alaa

Waxabajjii 06/2017(TOI)- Maqaa Gaarii Itiyoophiyaa Waltajjiiwwan Idil Addunyaa fi Riijiniitti Beeksisuuf Hojii Mootummaa Idileen Cinaatti Lammiileen Biyya Keessaa fi Biyya Alaa Jiraatan Hirmaachuu Akka QabanDe’eetaan Ministira Dhimma Alaa Ambasaaddar Hadaraa Abarraa Ibsan.
Leenjiin Ministeerri Dhimmaa Alaa fi Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koree Dhaabbataa Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa Waliin Ta’uun Garee Michoomaa fi Miseensota Paabiliik Dippilomaasiif Qopheessan Jaslqabameera.
Leenjiin Har’aa Eegalee Guyyoota Sadiif Turu kun Tooftaalee Imaammata Dhimma Alaa, Paabiliik Dippilomaasii, Dippilomaasii Byyoota Ollaa fi Itiyoophiyaa Akkasumas Hariiroon Alaa Biroorratti Nimari’atama.
De’eetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa Wayita Kana Akka Jedhanitti, Riifoormii Dinagdee Manhaleetiin Misoomaa fi Badhaadhina Biyyaa Dhugoomsuun Dippilomaasiin Dinagdee Murteessaa ta’uu Ibsaniiru.
Haala Qabatamaa Addunyaa Jijjiiramaa fi Tilmaamuun Hindanda’amne keessatti Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Eegsisuuf Hojiilee Dippilomaasii Damee Addaddaa fi Gurmaa’an Cimsuun Akka Barbaachisu Dubbataniiru.
Kanaaf Ammoo Tooftaa Hariiroo Alaa Sirni Siyaasaa, Hawaasummaa fi Dinagdee Addunyaan Gaafatu Baasuu fi Hordofuu, Haala Addunyaa Mijataa Ofeeggannoon Ilaaluun Hubannoon Tarkaanfachuun Akka Barbaachisu Ibsaniiru.
Daldala Alaa fi Invastimantii Hawachuuf, Tumsa Cimsuuf, Maqaa Biyyaa Olkaasuuf, Faayidaa Lammiilee Cimsuu fi Faayidaa Biyyaalessaa Biyya Keenyaa Kabachiisuuf Qaamni Hundi Tumsuu Qaba Jedhaniiru.
Itiyoophiyaan Miira Paan Afriikaaniin Afriikaatti Nagaa fi Tasgabbiin Akka Bu’u Qooda Adda durummaa Bahaa Jiraachuu Ibsanii, Tumsitoota Tarsoomawoo Faayidaa Biyyaalessaa Biyya Keenyaa Kabachiisan Baay’isuuf Ciminaan Hojjechuun Ittifufuu Qaba Jedhaniiru.
Tumsa Idil Addunyaa fi Riijinii Qajeeltoorratti Hundaa’e Guddisuun Murteessaa Ta’uu Eeranii, Murteewwan Waltajjii Gama Heddumminaa Darban Dhaggeettii Itiyoophiyaan Qabduu fi Faayidaa Biyyaalessaa Kan Eegsisan Akka Ta’an Gochuu Barbaachisa Jedhaniiru.
Itiyoophiyaan Dachee Namni Itti Argame, Qaroomina Durduriin Kan Beekamtu, Fakkeenya Walabummaa Afriikaa Akkasumas Sabiinni Hedduun Kan Keessa Jiraatan Ta’uushee Hojii Paabiliik Dippilomaasii Hojjennuun Ibsuu fi Maqaa Gaarii Qabdu Guddisuu Qabna Jedhaniiru.
Kana Gochuuf Ammoo Hojiiwwan Hariiroo Alaa Mootummaan Hojjetuun Alatti Itiyoophiyaanonni Biyya Keessaa fi Biyya Alaa Jiraatan Qoodasaanii Bahuu Akka Qaban Dubbataniiru.
Ministeera Dhimma Alaatti Daarektar Jeneraaliin Paabiliik Dippilomaasii Ambaasaaddar Shibbiruu Maammoo Gamasaaniin, Paabiliik Dippilomaasiin Maqaa Gaarii Biyya Keenyaa Guddisuu, Tumsaa fi Michooma Baay’isuu Akka Dandeessisu Ibsaniiru.
Paabiliik Dippilomaasiin Hariiroo Biyyootaa Hariiroo Mootummaa Qofaan Daangeffame Ummatoota Jidduutti Akka Cimu Godheera.
Keessumaa Ogeeyyonni Artii, Dhaabbileen Qorannoo fi Waldaaleen Ogummaa Garagaraa Maqaa Gaarii Biyyaa Beeksisuun Qoonnisaanii Guddaa Ta’uu Ibsaniiru.