Rakkoo mana jireenyaa Furuuf filannoowwan adda addaan ijaarsi mannneenii ciminaan Ittifufu – Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Rakkoo mana jireenyaa Furuuf filannoowwan adda addaan ijaarsi mannneenii ciminaan Ittifufu – Kantiibaa Adaanech Abeebee

Waxabajjii 06/2017(TOI)-Rakkoo Mana Jireenyaa Jiraattota Magaalaa Finfinnee Furuuf Ijaarsi Manaa filannoowwan adda addaan ciminaan akka Ittifufu kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan.
Kantiibaa Adaanech Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo, Naannawa Addababayii Jarmanitti baajata Mootumaan Manneen Jireenyaa Ijaaramaa jiran sadarkaa irra gahe daawwataniiru.
Fedhiin Mana Jireenyaa Mootummaa qofaan kan Furamu waan hin taaneef Dameen Dhuunfaa hojii ijaarsaa Hojjetan ijaarsasaanii yeroo gabaabaa fi qulqullinaan akka xumuran kantiibittiin waamicha dhi’eessaniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa Akkaataa kallattii kaa’een Misoomsitoonni yeroo kaa’ame Keessatti Ijaarsasa akka xumuran deeggarsa barbaachisaa akka godhu mirkaneesseera.
Rakkoo mana jireenyaa Furuuf xiyyeeffannoo addaa kennameen mootummaa fi dhuunfaan, akkasumas pirojeektii ijaarsa damee dhuunfaan akka saffisuuf tassifamaa jiraachuu waajjira kantiibaatti hogganaan Pirees sakreetarii Dr. Mi’eessaa Elemaa TOI’f ibsaniiru.
Pirojektoonni ijaarsa manaa yeroo ammaa mootummaan hojjetamaa jiran saffisaa jiraachuu ibsuun, haala wal fakkaatuun Ijaarsi motummaan damee dhuunfaa waliin Raawwachaa jiru haala gaariirra jiraachuu eeraniiru.
Pirojektoonni ijaarsa manaa damee dhuunfaan raawwataaa jiran mootummaan dhiheessi lafa irraa eegalee dhimmoota barbaachisoo guutuun deeggaraa jiraachun haala fooyyyee qabuun socho’aa kan jiran jiraachuu eeraniiru.
Dabalataanis Hogganichi dameen dhuunfaa lafa daangessanii qabatanii gara hojii qabatamaatti kan hin gaalle saffisaa fi qulqullinaan gara hojiitti akka galanii fi fedhii manaa uummataaf akka guutan waamicha dhiheessaniiru.