Itiyoophiyaan Baqattoota Simattee Keessummeessuudhaan Hojiin Hojjechaa Jirtu Dinqiisiisaadha-Komishinar Fiiliippoo Giraandii - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Baqattoota Simattee Keessummeessuudhaan Hojiin Hojjechaa Jirtu Dinqiisiisaadha-Komishinar Fiiliippoo Giraandii

Waxabajjii 06/2017 (TOI)- Itiyoophiyaan Baqattoota Simattee Keessummeessuudhaan Hojiin Hojjechaa Jirtuu fi Carraaqqiin Taasisaa Jirtu Dinqiisiisaa Ta’uu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinariin Olaanaa Baqattootaa Fiiliippoo Giraandii Beeksisan.
Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinariin Olaanaa Baqattootaa Fiiliippoo Giraandii Masaraa Biyyaalessaatti Simatanii Haasofsiisaniiru.
Mariin Booda Komishinar Giraandiin TOIf Akka Ibsanitti, Itiyoophiyaan Baqattoota Heduu Simattee Keessummeessa Jirti.
Yeroo Ammaa Sudaan Kibbaa, Sudaanii fi Biyyoota Biroorraa Baqattoota Simachaa Akka Jirtu kaasaniiru.
Hojiin fi Carraaqqiin Itiyoophiyaan Baqattoota Simattee Keessummeessaa Jirtu Kun Dinqisiisaa Ta’uu Komishinarichi, Deeggarsi Kanaaf Taasifamu Akka Cimu Dubbataniiru.
Kana Malees Hojiin Gaariin Itiyoophiyaan Baqattoota Simachuu fi Keessuummeessuun Raawwachaa Jirtu Hawaasni Addunyaa Akka Beekuu fi Deeggarsa Akka Taasisu Xiyyeeffannoon Nihojjetama Jedhaniiru.
Mariin Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Komishinarii Olaanaa Baqattootaa Fiiliippoo Giraandiin Taasisan Bu’a qabeessa T Akka Ture Marii Kana Kan Hordofan Daarektarri Olaantuun Baqattootaa fi Baqannaa Deebi’anii Xayibaa Hasan Beeksisaniiru.
Keessumaa Baqattoota Itiyoophiyaa Jiran Ilaalchisee Akkasumas Haala Deeggarsi Baqattootaaf cimee Itti Fufuu fi Kanaan Walqabatanirratti Marii Bal’aa Taasisuusaanii Kaasaniiru.