Lammiileen Sarara Elektiriikii Muummeerra Fagaatanii Jiran Ibsaa Akka Argataniif Hojiin Hojjetamaa Jiru Bu’a qabeessadha-Ministeera Bishaanii fi Inarjii - ENA Afaan Oromoo
Lammiileen Sarara Elektiriikii Muummeerra Fagaatanii Jiran Ibsaa Akka Argataniif Hojiin Hojjetamaa Jiru Bu’a qabeessadha-Ministeera Bishaanii fi Inarjii

Waxabajjii 06/2017 (TOI)- Lammiileen Sarara Elektiriikii Muummeerra Fagaatanii Jiran Ibsaa Akka Argataniif Hojiin Hojjetamaa Jiru Bu’a qabeessa Ta’uu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa Ibsan.
Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa TOIf Akka Ibsanitti, Waggoottan Darban Kutaalee Hawaasaa Sarara Elektiriikii Muummeerraa Fagaatanii Jiran Anniisaa Akka Fayyadaman Gochuuf Dhiheessiin Anniisa Filmaata Addaddaaan Hojjetamaa Tureera.
Anniisaa Soolaarii Bal’isuudhaan Kutaalee Hawaasaa Hedduu Fayyadamoo Taasisuu Eeranii, Dhaabbilee Fayyaa fi Manneen Barnootaa Dabalatee Kanneen Hawaasni Itti Tajaajilamu Biroo Qaqqabamaa Taasisuun Akka Danda’ame Ibsaniiru.
Amma Bardheengaddaatti Maamiltoonni Kuma 10 Caalan Soolaariitti Akka Fayyadaman Gochuun Danda’amuu Eeranii, Bakkeewwan Sarara Muummeerraa Fagaatanirratti Anniisaa filmaata Garagaraa Dhiheessuun Itti Fufa jedhaniiru.
Ministeerichatti Hojii Raawwachiisaan Misoomaa fi Cehumsa Teeknooloojii Inarjii Baadiyyaa Birhaanuu Walduu Gamasaaniin, Ministeerichi Kutaalee Hawaasaa Sarara Muummeerraa Fagaatanii Jiraniif Inarjii Soolaarii Babal’isuurra Akka Jiru Dubbataniiru.
Amma Ammaattis Magaalaawwan Baadiyyaa 18 keessatti Hojiirra Ooluu Eeranii, Kunis Jiraattonni Ibsaa akka Argatan Gochuun Alatti Teeknooloojiiwwan Xixiqqoo Akka Hojii Sibiilaa fi Mukaa, Manneen Baaburaa fi Tajaajiloota biroof Hojiirra Oolaa Akka Jiran Eeraniiru.
Dabalataanis Dhaabbilee Sarara Muummeerraa Fagaatanii Jiran Anniisaa Akka Argatan Gama Gochuutiin Dhaabbilee Fayyaa fi Manneen Barnootaa Akka Qaqqabu Taasifamaa Jiraachuu Dubbataniiru.
Ministeerichi Hojii Kana Cimsee Itti Fufuu Dubbataniiru.