Godinichatti Ganna Kana dhukkubni busaa akka hin uumamneef hojiin ittisaa Hirmaannaa Hawaasaan hojjetamaa jira.

Waxabajjii 06/2017 (TOI)-Godina Shawaa Lixaatti Ganna Kana dhukkubni busaa akka hin uumamne hojiin ittisaa hirmaannaa Hawaasaan raawwatamaa jiraachuu Waajjirri Fayyaa Godinichaa ibse.

Hogganaan Waajjira Fayyaa Godinichaa obbo Tasfaayee Bayyanaa TOI’f akka Ibsanitti, waajjirichi Godinichatti Busaa dabalatee dhukkuboota weeraraan uumaman  ittisuuf  hojjechaa jira.

Godinichatti  Aanaawwan  Baakkoo, Iluu Galaan, Daannoo, Midaaqanyii,  Gindabarat dhukkuba Busaaf saaxilamoo ta’uu ibseera.

 Dhukkubicha ittisuuf hawaasa hirmaachisuun bakkeewwan bishaan kuufatan Yaasuu, Agoobara Raabsuu fi barumsi hubannaa kennamuu dubbataniiru.

Dabalataanis Godinichatti bakkeewwa weerarri Busaa baay’inaan argaman Aanaa  Baakkoo fi Iluu Galaanitti Agoobarri Kuma 420 ol raabsamuu eeraniiru . 

Kanarra darbee namoonni Busaan qabaman tajaajila  Waldhaansaa akka argataniif  qophiin taassifamuu ibsaniiru.

 Jiraattota Godinichaa keessaa Aadde Qonjiit Tasfaayee akka jedhanitti, weerara busaa Ganna Kana mudachuu danda’u ittisuuf jiraattota gandasaanii waliin ta’uun qulqullina Naannawa isaanii eeggaachaa jiru. 

Jiraattonni Naannichaas Agoobora Siree Sirnaan Fayyadamuun akkasumas Bakkeewwan hormaata busaaf mijtaa ta’an Lafa Caffee fi Bishaan Kuufame yaasuun nageenya isaanii akka eeggatan gorsa kennaa jiraachuu dubbataniiru.

Dabalataanis Dargaggoo Leencoo Haayiluu gama isaaniin gorsa ogeessota fayyaa naannawasaanitti ramadamanii  Dhgahuun naannawa mana jireenyaasaanii sirnaan qulqulleessuu fi  Bishaan Kuufame yaasuu fi duuchuun sodaa weerara busaarraa bilisa  ta’uu  dubbataniiru.

 Jiraattonni Aanichaa biroon Agobora Sirnaan Fayyadamuu fi qulqullina naannoosaanii eeggachun dhukkubarraa Akka Ofeegaan gorsaniiru. 

Akkasumas, Hubannaa ogeessota fayaan kennamuun hojii ittisa  dhukkuba bookee busaa dursaan hojjetamuusaan soda dhukkubaarraa bilisa ta’uu  Adde Mabiraatee Asmaamaahu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015