Haala Qabatamaa Addunyaa Jijjiiramaa keessatti Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hojiilee Dippilomaasii Itiyoophiyaa Cimsuu Barbaachisa-Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa - ENA Afaan Oromoo
Haala Qabatamaa Addunyaa Jijjiiramaa keessatti Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hojiilee Dippilomaasii Itiyoophiyaa Cimsuu Barbaachisa-Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa

Waxabajjii 06/2017 (TOI)- Haala Qabatamaa Addunyaa Jijjiiramaa fi Tilmaamuun Hindanda’amne keessatti Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Eegsisuuf Hojiilee Dippilomaasii Damee Addaddaa fi Gurmaa’an Cimsuun Akka Barbaachisu De’eetaan Ministira Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa Ibsan.
Ministeerri Dhimmaa Alaa fi Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Koree Dhaabbataa Hariiroo Alaa fi Dhimmoota Nageenyaa Waliin Ta’uun Leenjii Gareewwan Michoomaa fi Miseensota Paabiliik Dippilomaasiif Qopheesse Jalqabameera.
De’eetaan Ministiraa Dhimma Alaa Ambaasaaddar Hadaraa Abarraa Wayita Kana Akka Jedhanitti, Itiyoophiyaan Riifoormii Dinagdee Mandhaleetiin Misoomaa Fi Badhaadhina Biyyaa Dhugoomsuuf Dippilomaasiin Dinagdee Murteessaa Ta’uu Ibsaniiru.
Daldala Alaa fi Invastimantii Hawachuuf, Tumsa Cimsuuf, Maqaa Biyyaa Olkaasuuf, Faayidaa Lammiilee Cimsuu fi Faayidaa Biyyaalessaa Biyya Keenyaa Kabachiisuuf Qaamni Hundi Tumsuu Qaba.
Haala Qabatamaa Addunyaa Jijjiiramaa fi Tilmaamuun Hindanda’amne keessatti Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Eegsisuuf Hojiilee Dippilomaasii Damee Addaddaa fi Gurmaa’an Cimsuun Akka Barbaachisu Dubbataniiru.
Kanaaf Ammoo Tooftaa Hariiroo Alaa Sirni Siyaasaa, Hawaasummaa fi Dinagdee Addunyaan Gaafatu Baasuu fi Hordofuu, Haala Addunyaa Mijataa Ofeeggannoon Ilaaluun Hubannoon Tarkaanfachuun Akka Barbaachisu Ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Miira Paan Afriikaaniin Afriikaatti Nagaa fi Tasgabbiin Akka Bu’u Qooda Adda durummaa Bahaa Jiraachuu Ibsanii, Tumsitoota Tarsoomawoo Faayidaa Biyyaalessaa Biyya Keenyaa Kabachiisan Baay’isuuf Ciminaan Hojjechuun Ittifufuu Qaba Jedhaniiru.