Bu’aaleen Qorannoo Inistiitiyuutii Qorannoo Armawer Hansan Itiyoophiyaarra Darbee Sirni Fayyaa Addunyaa Akka Fooyya’u Qooda Olaanaa Bahaa Jiru

Waxabajjii 06/2017 (TOI)- Bu’aaleen Qorannoo Inistiitiyuutii Qorannoo Armawer Hansan Itiyoophiyaarra Darbee Sirni Fayyaa Addunyaa Akka Fooyya’u Qooda Olaanaa Bahaa Jiru Jedhan De’eetaan Ministira Fayyaa Fireehiywoot Abbabaa Ibsan

Inistiitiyuutichi Bu’aalee Hojii Qorannoo Waggoota 55f Taasiseen Argaman Ilaalchisee Qooda Fudhattoottaaf Beeksisuuf Sagantaa Gaggeessaa Jira.

Bakka Bu’oonni Dhaabbilee Federaalaa fi Naannoo, Pirezidaantonni Yuunivarsiitii, Bakka Bu’oonni Miidiyaalee fi Keessummoonni Waamaman Saganticharratti Argamaniiru.

De’eetaan Ministira Fayyaa Fireehiywoot Abbabaa Akka Jedhanitti, Inistiitiyuutichi Dhukkuboota Daddarboo fi Hindarbinerratti Qorannoo Taasisuun, Qorannoo fi Oomisha Talaallii Irratti Hojiilee Bu’aa Guddaa Agarsiisan Hojjechaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Dawaalee Aadaarratti Qorannoo Taasisuun Faayidaaf Akka Oolan Jalqabbiin Gaariin Jiraachuu Eeraniiru.

Bu’aaleen Qorannoo Inistiitiyuutichaa Itiyoophiyaarra Darbee Sirna Fayyaa Addunyaarratti Bu’aaleen Dhiibbaa Uumuu Danda’an Argamuu Dubbataniiru.

Galtee Waldhaansaa Baargamaa Galu Biyya Keessatti Hojjechuuf Carraaqqiin Akka Biyyaatti Taasifamu Bu’a Qabeessa Akka Ta’u Inistiitiyuutichi Ittigaafatamni Guddaan Kennameeraaf Kan Jedhan De’eetaan Ministiraa Kun, Hojiin Kun Bu’a qabeessa Akka Ta’u Tumsi Qooda Fudhattootaa Barbaachisaa Ta’uu Himaniiru.

Argannoowwan Qorannoo Bu’a Qabeessa Akka Ta’an Miidiyaaleen Hojii Beeksisuu Hojjechuun Qoodasaanii Akka Bahan Waamicha Dhiheessaniiru.

Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Armaawer Hansan Piroofeessar Afawarq Kaasuu Gamasaaniin, Argannoowwan Qorannoo Dhaabbatichaa Joornaalota Idil Addunyaa Beekamtii Qabanirratti Maxxanfamaa Akka Jiran Eeraniiru.

Talaallii Michii Sombaa, Saggoo Gogsaa fi  Koleeraa Irratti Hojiileen Bu’a Qabeessaa Qabatamaan Hojjetamuu Ibsanii, Dhukkuboota Dawaan Walitti Madaqan Ilaalchisees Qorannoowwan Kenniinsa Waldhaansaa Fooyyessan Hojjetamaa Jiraachuu Ibsaniiru.

Gama Saayinsii Fi Dippilomaasiitiinis Beekumsa Inistiitiyuutichi Damee Qorannoon Qabu Biyyoota Ollaaf Qooduu Akkasumas Biyyoota Biroorraa Muuxannoo Fudhachuun Xiyyeeffannoon Kennamuufii Eeraniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015