Fiinlaand Tumsa Damee Garagaraan Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Nicimsiti-Ministira Dhimma Alaa Fiinlaad Eliinaa Valtanen

Caamsaa 05/2017(TOI)- Fiinlaand Tumsa Damee Garagaraan Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Akka Cimsitu Ministirri Dhimma Alaa Fiinlaad Eliinaa Valtanen dubbatan.

Fiinlaand Waggoota Walitti Aanan Saddetiif Addunyaarraa Biyyaa Gammaddootaa Tokkoffaa jedhamuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin Moggaffamteetti.

Kana Ka’umsa Godhachuun Afeerraa Ministira Dhimma Alaa Biyyattiitiin Dhiheenya Galaalchonni Afriikaa Fiinlaand Daawwataniiru.

Ministirri Dhimma Alaa Kun Wayita Kana Gaaf-Deebii TOI Waliin Taasisaniin, Fiinlaandii fi Itiyoophiyaan Hariiroo Cimaa Kan Qaban Ta’uu Dubbataniiru.

Biyyisaanii Hariiroo Gama Hedduun Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuu Akka Barbaaddu Ibsanii, Keessumaa Gama Misoomaa, Daldalaa fi Invastimantii Irratti Caalaa Akka Xiyyeeffatamu Eeraniiru.

Hariiroon Dippilomaasii Biyyoota Lamaanii Waggaa 66 Guuteera.

Biyyoonni Lamaan Hariiroo Gam-lamee Faayidaa waloo fi Wal Amantaarratti Hundaa’e qabu.

Tumsi isaanii Barnoota, Misooma Baadiyyaa, Daldalaa fi Invastimantiirratti Xiyyeeffata.

Hariiroon Gam-lamee Garagaraa Kun Sadarkaa Olaanaatti Guddata jedhanii Akka Amanan Dubbataniiru.

Ministira Dhimma Alaa Fiinlaanditti Ambaasaaddarri Waliigalaa Komunikeeshinii Tarsiimawaa Aan Laaminaa TOIf Akka Ibsanitti, Kaayyoon Daawwannaa Miidiyaalee Waa’ee Fiinlaand Beeksisuu fi Iccitiiwwan Milkaa’inaa Qooduu Qofa Osoo Hinta’iin Hariiroo Biyyattiin Afriikaa Waliin Qabdu Guddisuudha.

Fiinlaand Gamtaa Afriikaa waliin, AAddatti Ammoo Biyyoota Afriikaa Garagaraa waliin Tumsa Tarsiimawaa Akka Qabdu Ibsanii, Hariiroon Itiyoophiyaa Waliin Qabdus Bu’ura Cimaa Akka Qabu Dubbataniiru.

Bakka Jireenyaa Ummattoota Gammadoo Kan Jedhamtu Fiinlaand Lammiinshee Kafaltoota Gibiraa Ta’an Gibira Amanamummaa fi Gammachuun Kan Kaffalan Biyya Awrooppaa Kaabaatti Argamtudha.

Gama Barnootaan, Eegumsa Naannoon, Walqixxummaa Saalaan, Akkasumas Fayyaa fi Hawaasaaf Maatii Mijataa Uumuu Dabalatee Hojiilee Walitti Hidhamiinsa Nageenya hawaasaa Cimaa Hojjetteen Lammiinshee Gammadoo Akka Ta’an Nihimama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015