Magaalaan Shaggar bakka jireenya qofa osoo hin ta’iin Magaalaa Omishaa akka taatu hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira-Dr.Tashoomee Adduunyaa - ENA Afaan Oromoo
Magaalaan Shaggar bakka jireenya qofa osoo hin ta’iin Magaalaa Omishaa akka taatu hojii hojjetameen bu’aan argamaa jira-Dr.Tashoomee Adduunyaa

Waxabajjii 05/2017(TOI)-Magaalaan Shaggar bakka jireenya qofa osoo hin ta’iin Magaalaa Omishaa akka taatu hojii hojjetameen bu’aan argamaa jiraachuu kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Dr.Tashoomaa Addunyaa dubbatan.
Bulchiinsa magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti sagantaan eegalchiisa dhaabbii biqiltuu Appilii bakka hoggantoonni Bulchinsa Magaalichaa, miseensonni raayyaa Ittisa biyyaa fi jiraattonni naannichaa argamanitti gaggeeffameera.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalichaa Doktar Tashoomaa Addunyaa Sirna eegalchiisa irratti Akka Jedhanitti, Magaalaan Shaggar erga Hundeeffamtee eegalee hojiiwwan fayyadamummaa hawaasaa guddisan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru .
Magaalittiin bakka jireenyaa qofaa osoo hin ta’iin giddugala Omishaa akka taatuuf hojii hedduun hojjetamuu dubbataniiru.
Magaalittii giddugala Qonna ammayyaa gochuuf waggoottan darban sheediiwwan omishaa kuma 10 ol ta’an ijaaramanii namoota hedduuf carraan hojii uumamuu ibsaniiru.
Sheedota kana keessaatti hojii Misooma Lukkuu, Misooma Saa’a Aannanii, Furdisa beellada foonii fi misooma kuduraa fi muduraan Hojjetamaa jira jedhaniiru.
Ganna dhufu bulchiinsa magaalichaatti lafa hektaara kuma 1 irratti biqiltuun Avookaadoo fi Appilii akka dhaabamu ibsuun, guyyaa hara’aa Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti lafa hektaara 38 irratti biqiltuun appilii dhaabbachuu dubbataniru .
Itti Aanaan Kantiiba Bulchiinsa Magaalaa Shaggarii fi Qindeessaan Kilaastera Qonnaa Obbo Girmaa Hayiluu, Bulchiinsa Magaalichaatti Misooma muduraa fi kuduraaf Xiyyeeffannoon addaa kennamuu ibsaniiru .
Ganna kana wabii nyaataa mirkaneessuuf kan gargaaranii fi gabaa alaatiif kan oolan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban nidhaabbamu jedhaniiru.
Biqiltuuwwan Dhaabaman Keessaa Kuduraa fi Muduraa Dhaabaman Keessaa Dhibbantaan 50 ol Biqiltuu Appilii Ta’uu Dabalanii Ibsaniiru.
Hogganaan paartii badhaadhinaa Waajjira damee kutaa magaalaa Mana Abbichuu obbo Fiqaaduu Hordofaa gamasaaniin, ganna kana biqiltuuwwan faayidaa heduu qaban dhaabuuf qophii barbaachisaa taassisuu dubbataniiru.
Kutaa magaalichaatti lafa hektaara kuma 50 irratti dhaabbiin biqiltuu Appilii eegalamuu ibsuun, qonnaan bulaa naannichaa muuxannoo gaarii kana fudhatee biqituu dhaabbate akka kunuunsu hubachiisaniiru.
Jiraattota Naannawichaa biqiltuu dhaabuu irratti hirmaatan keessaa obbo Masfin Malaakuu, ganna kana biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophaa’uu ibsaniiru.
Faayidaan biqiltuu appilii guddaa ta’uu hubachuun Hirmaannaa Taasisuusaanii Dubbatanii, misoomni muduraa fi kuduraa naannawichatti cimuu qaba jedhaniiru.