Hojiiwwan Milkaa’oon Faayidaa Biyyaalessaa Eegsisuun Hariiroo Cimsan Paarlaamaa Dippilomaasiitiin Raawwatamaniiru. - ENA Afaan Oromoo
Hojiiwwan Milkaa’oon Faayidaa Biyyaalessaa Eegsisuun Hariiroo Cimsan Paarlaamaa Dippilomaasiitiin Raawwatamaniiru.

Waxabajjii 05/2017(TOI)- Waggoottan Afran Darban Hojiiwwan Milkaa’oon Faayidaa Biyyaalessaa Eegsisuun Hariiroo Cimsan Paarlaamaa Dippilomaasiitiin Raawwatamuu Ambaasaaddar Diinaa Muftii Dubbatan.
Hojiiwwan Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Itiyoophiyaan Hariiroo Biyyoota Biroo Waliin Qabdu Cimsuuf Raawwatu Keessaa Dippilomaasiin Paarlaamaa Isa tokko.
Mana Marichaatti Miseensi Koree Dhaabbataa Hariiroo Alaa fi dhimmoot Nageenyaa fi Gamtaa Awurooppaatti Walitti Qabaan Garee Michooma Paarlamaa Awurooppaa Lixaa fi Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii Turtii TOI Waliin Taasisaniin Waggoottan Afran Darban Dippilomaasii Paarlaamaatiin Hojiiwwan Hedduun Raawwatamaniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa Afriikaa, Awurooppaa, Awurooppaa Bahaa, Isiyaa, Laatiin Ameerikaa fi Biyyoota Biroo Waliin Garee Michooma Paarlaamaa Hundeessee Hojjechaa Jira.
Karaa Gareewwan Kanaa Hariiroo Gama Siyaasaa, Dinagdee, Hawaasummaa fi damee Fayyaan Biyyooya Addunyaa waliin Qabdu Cimsuuf Marii fi Muuxannoo Qooddachuun Akka Danda’ame Dubbataniiru.
Haaka Kanaan Faayidaa Biyyaalessaa Eegsisuun fi Hariiroo Idil Addunyaa Gama Cimsuutiin Bu’aan Argamuu Ibsaniiru.
Hojiiwwan Walitti Hidhamiinsa fi Fayyadama Waloo Riijinii Paarlaamaa Dippilomaasii Biyyoota Ollaa Cimsan Raawwatamuu Kaasaniiru.
Ejjennoowwan Itiyoophiyaan Qabatte, Mariin Tasifamanii fi Hariiroowwan Taasifaman Michooma Kan Guddisan Ta’uu Ambaasaaddar Diinaa Muftii Ibsaniiru.
Haalli Qabatamaa Itiyoohiyaa, Shoora Dhimmoota Riijiniirratti Qabdu Akkasumas Riifoormii Jalqabamee fi Bu’aalee Argaman Hubachiisuun Hojiin Dippilomaasii Guddaan Hojjetamuu Ibsaniiru.
Itiyoophiyaan Jijjiirama Haala Qilleensaa Damdamachuuf Milkaa’inoota Ashaaraa Magariisaan Galmeessiftee fi Hojii Itti Jirtu Mariilee fi Waltajjii Addunyaarratti Muuxannoo Qooduushee Beeksisaniiru.
Hojiileen Nyaataan Ofdanda’uuf Qonnaa fi Maaddii Guutuun Akkasumas Magaalaawwan Ammayyaa Ijaaruuf Misooma Kooriidariin Hojjetamaaa Jiranis Biiyyoonni Muuxannoo Irraa Qooddataniiru Jedhaniiru.
Waggoottan Afran Darban Itiyoophiyaan Milkaa’inoota Kan Itti Galmeessifte Akkasumas Yeroo Qormaata Keessa Dabarte Waan Ta’eef Miseensota Paarlaamaa Gitaaf Hubachiisuun Qooda Olaanaa Baheera Jedhan.
Hidhi Haaromsaa Guddichi Qaama Kamiyyuu Akka Hinmiine, Ollaa fi Biyyoota Sululichaaf Faayidaa Guddaa Akka Qabu Hubachiisuun Bu’aan Argamuu Kaasaniiru.
Fuulduras Qaleeltoo Fayyadama Walootiin Siyaasa Addunyaa Jijjiiramaa Bulu Hubannoo Keessa Galchuun Hariiroowwan Faayidaa Biyyaalessaa Eegsisan Cimanii Akka Itti Fufan Eeraniiru.
Faayidaa Biyyaa Eegsisuun Ittigaafatama Lammii Hundaa Wan Ta’eef Waldaaleen Siviilii, Miidiyaalee fi Namoonni Dhuunfaan Waliin Hojjechuu Akka Qaban Ambaasaaddar Diinaa Muftii Dubbataniiru.