Hirmaannaa fi Fayyadamummaa Dubartootaa hunda galeessa guddisuuf hojii hojjetameen  bu’aan  galmaa’eera -Ministeericha

Waxabajjii 05/2017(TOI)-Hirmaannaa fi Fayyadamummaa Dubartootaa hunda galeessa  guddisuuf hojii hojjetameen bu’aa hedduun galmaa’uu De’eetaan Misitiraa Dhimma  Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikmaa Keeyireddiin ibsan.   

Waltajjiin sosochii hoggansaa Miidhaa saala bu’uureffatate, Barbaatilee miidhaa geessisan fi humna daa’immanii qisaasuu ittisuu fi dhaabsisuuf  kaayyeffate Magaalaa Boongaatti gaggeefamaa jira.

 Waltajjicha irratti kan argaman De’eetaan Ministiraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Hikma Keeyireddiin akka ibsanitti, waggoottan jijiiramaatti hirmaannaa fi  fayyadamummaa dubartootaa guddisuuf  hojiiwwan hedduu hojjetamaniin  bu’aan galmaa’aniiru .

Kanaanis rakkoo Dinagdee, Siyaasa fi Hawaasummaa isaanii Furuuf hojiin hojjetaman  bu’aa qabeessa akka  turan  ibsaniiru . 

Humna Daa’immanii Qisaasuu fi Daddabarsa Daa’immanii Seeraan alaa  akkasumas  Mirgaa fi Nageenya isaanii kabachiisuuf irratti hojii bal’aan hojjetamuusaa, haata’u malee hamma barbaadamu ga’aa waan hin taaneef Caalaa hojjechuun akka  barbaachisu dubbataniiru .  

Miidhaa daa’immanii fi Dubartootarratti raawwatamu ittisuu fi dhaabsisuuf tattaaffii taassifamaa jiruun  gaheen  Qaama  Seera Raawwachiiftuu  ol’aanaa ta’uu kan ibsan  de’eetan  Ministiraa, kanas caalaatti guddisuuf  hirmaannaa qaama hundaa  gaafata  jedhaniiru .

Badhaadhina hunda galeessa biyyaa mirkanessuuf hirmaannaa dubartootaa fi Daa’immanii Guddisuun dirqama ta’uu Hoggantuu Biiroo Dhimma Dubartotaa fi hawaasummaa   Naannoo Ummattoota Kibba Itiyoophiyaa Gannat Makuriyaa ibsaniiru.  

Kanaafis barmaatilee miidhaa geessisanii  fi  miidhaa humnaa dhaabsisuuf seerota bahan   qindoominaan hojiirra oolchuun qabna jedhaniiru.

Waltajjiin kun hirmaannaa qooda fudhattootaa jabeessuuf kan kaayyefate ta’uu  dubbataniiru .

waltajjicha irratti Pirezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Naannichaa Qocito Gabramaaram, Paartii Badhaadhinaatti hoggantuu Damee Gurmaa’insa dubartootaa Assallafach Taaddasaa  dabalatee  hoggantoonni Federaalaa fi  Naannoo  akkasumas Ogeessonnii fi Qaamoleen  qooda fudhattootaa argamaniiru .

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015