Raayyaan Birmadummaa Biyyaa Tiksuun Biyyaaf Dhaabachuusaa Mirkaneesseera

Waxabajjii 05/2017TOI)- Raayyaan Birmadummaa Biyyaa Tiksuun Biyyaaf Dhaabachuusaa Mirkaneesseera jedhan Daarektarri Hariiroo Ummataa Raayyaa Ittisaa Kolonee Geetinnat Adaanee.

Raayyaan Ittisaa Teeknooloojii Hidhatee fi Biyyoota Biroofis Fakkeenya Ta’e Ijaaramuusaa Dabalanii Ibsaniiru.

Izzii Lixaatti Ayyaanni Hundeeffama Koorii Haaromsaa 404ffaan Mata Duree “Haaromsa Haaromsaan” jedhuun Magaalaa Asoosaatti Marii Paanaaliin Kabajameera.

Kooriin Haaromsaa 404ffaan Nagaa Naannawaa Tiksuun fi Hirmaannaa Misoomarratti Taasisa Jiru Ilaalchisuun Barreeffamni Ka’umsaa Yuunivarsiitii Asoosaatiin Dhihaateera.

Daarektarri Hariiroo Ummataa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Koloneel Geetinnat Adaanee Waltajicharratti Akka Jedhanitti, Raayyaan Birmadumaa Biyyaa Eegsisuun Biyyaaf Dhabachuusaa Mirkaneesseera.


Raayyaan Ittisaa Teeknooloojii Hidhatee fi Biyyoota Biroofis Fakkeenya Ta’e Ijaaramaa Jiraachuus Kaasaniru.

Kooriin Kun rakkoon Nageenyaa naannawichaa Akka Furamu Aarsaa Kaffaleen Alatti Ijaarsi Hidhi Haaromsaa Haala Amansiisaan Akka Akka Raawwatamu Gumaacha Taasiseera Jedhaniiru.

Raayyaan Ergamasaa Idileen Alatti Deeggarsa Namoomaanisi Ummataaf Dhaabachuusaa Mirkaneessaa Akka Jiru Eeranii, Hirmaannaa Dhiiga Arjoomuun, Eegumsa Naannoon fi Hojiilee Biroonis Taasisaa Jiru Biyyaaf Dhaabachuusaa Kan Ittiin Mirkaneessedha Jechuun Ibsaniiru.

Itti Aanaa Bulchaan Naannoo Beeniishaangul Gumuz Getahun Abdiisaa Gamasaaniin, Raayyaan Biyyasaa Dabarsee Kan Hinkennine, Kan Biyyi Itti Boontuu fi Deeggarsa Namoomaanis Hirmaannaa Olaanaa Taasisaa Jira Jedhaniiru.


Hirmaattota Keessaa Ibraahim Azubeer fi Fiqaaduu Amaaree Raayyaan Nageenya Naannichatti Bu’eef Gumaacha Olaanaa Tasiseera Jedhaniiru.

Hawaasni Raayyaaf Kabaja Olaanaa Qabaachuu Dubbataniiru.

Ayyaanichi Itti Aanaan Bulchaa Naannichaa Geetahun Abdiisaa, Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Askaalech Albooroo, Paartii Badhaadhinaatti Hoogganaan Waajjira Damee Naannichaa Ishaaq bdulqaadir, Izzii Lixaatti Ajajaan Koorii Haaromsaa 404ffaa Koloneel Nugusee Lawuxee, Hooggantoonni Raayya, Miseensonni Raayyaa, Qaamoleen Nageenyaa Garagaraa Bakka Argamanitti Marii Paanaaliin Kabajamaa Jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015