Baankiin dhiigaa fi Tiishuu Nagallee Booranaa dhiigaa yuunitii kuma 3 ol dhaabbiilee fayyaa naannawichaaf dhiheessaa jira

Waxabajjii 05/2017(TOI)-Baankiin dhiigaa fi Tiishuu Nagallee Booranaa dhiigaa yuunitii  kuma 3 ol Boorana bahaa fi Godinoota Gujiitii Irraa Walitti Qabe dhaabbiilee fayyaa naannawichaaf dhiheessaa jiraachuu ibseera.

Dhiiga Arjoomtotarraa Walitti Qabame yuunitii kuma 3 Hospitaalota  Godinichatti argaman  6’f dhiheessuun ibsameera.  

Qindeessaan baankichaa obbo Daargee Barcuu bara kana godinichatti dhiiga yuunitii kuma 4 ol  Walitti Qabuuf karoorfamee hojiitti galamuu ibsaniiru. 

Kanaanis hanga ammaatti  Aanaalee Godinichaa 9 keessatti dhiigni yuunitii kuma3 fi 779    ogeessota fayyaa 7 fi deegartoota  tola  ooltotaa adda addaan Walitti Qabameera jedhaniiru. 

Lakkoofsi dhiigaa eerame Nagallee Booranaa, Madda Walaabuurraa, Adoolaarraa, waadaraaraa, Walaabuurraa lixaarraa, Booree Uraagaarraa  fi  tola ooltota Shaakkisoo  dhiiga arjoomtotaa  irraa  kan sassaabame ta’uu eeraniiru .

Baaknkichi baatiiwwan darban 11tti qofa Godinichatti Walitti Qabame keessaa  dhiiga yuunitii kuma3 fi160 ol Hospitaalota Naannichaa ja’aaf  rabsuu hubachiisaniiru. 

Dhaabbilee fayyaa fayyadamoo ta’an keessaa Adoolaa, Madda walaabuu, Nagallee Booranaa, Booree , Uraagaa fi Hospitaala Walii Galaa Sabbaa Boruu kan eeramanidha jedhaniiru.

Bara kana dhiiga  yuunitii  kuma 4 Walitti Qabuuf karoorfame qooda fudhattoota adda addaa waliin qindoomuun hirmaachaa jiraachuu eeraniiru. 

Jiraataan Godina Gujii Magaalaa Adoolaa obbo Boggaalaa Buldee bara kana  yeroo 15ffaa  dhiiga arjoomuu ibsanii, gammachuu sammuu argachuu fi  fayyaa buleessa ta’uu isaaniii  ibsaniiru.

Namoonni biroon dhiiga akka arjomaniif deeggaruu cinatti tola ooltummaan dhiiga arjoomuu cimsanii kan itti fufan ta’uu ibsaniiru.

Jiraataan Godina Boorana bahaa Aanaa Madda Walaabuu Dr.Habtaamuu Lammeessaa   dhiiga arjoomuu kan eegalan yeroo yuunvarsiitii Baratan ta’uu ibsaniiru . 

Yeroo ammaa Hospitaala walii galaa Madda Walaabuutti ogummaa hakiimaan tajaajilaa jiraachuu ibsuun, dhiiga arjoomuun Namooma naamusa irraa madd  ta’uu  fi namni umuriinsaa gahe hundi  hojiirra oolchuu akka qabu  gorsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015