Insitiitiyutichi seenessa dogoggoraa qajeelchuun seenessa waloo ijaaruu keessatti gahee isaa bahachaa jira - Insitiitiyuutii Qorannoo fi Qo'annoo Oromoo - ENA Afaan Oromoo
Insitiitiyutichi seenessa dogoggoraa qajeelchuun seenessa waloo ijaaruu keessatti gahee isaa bahachaa jira - Insitiitiyuutii Qorannoo fi Qo'annoo Oromoo

Caamsaa 05/2017(TOI) - Qorannoo fi Qo'annoo Karaa saayinsawwaa ta'een geggeessuun seenessa dogoggoraa qajeelchuun seenessa waloo ijaaruu keessatti gahee olaanaa bahachaa jirachuu Insitiitiyuutiin Qorannoo fi Qo'annoo Oromoo beeksise.
Instiititiyutichi kora qorannoo isaa yeroo 18ffaa mata duree ''Duudhaa Keenyaan dhaloota haa ijaarru'' jedhuun Finfinnee Galma aadaa Oromootti geggeessaa jira.
Kora qorannoo kanarratti hoggantoonni mootummaa naannichaa, hayyoonni Yuunivarsiitiwwan adda addaa fi keessummoonni biroon hirmaataniiru.
Caffee Oromiyaatti walitti qabduun Koree Dhaabbii dhimma hawaasummaa fi dubartootaa Aadde Mastaawut Fayyisaa kora kana irratti haasaa taasisaniin; mootummaan naannoo Oromiyaa seenessaa waloo ijaaruuf aadaa, seenaa fi aartii Oromoo qorachuun misoomsuun badhaadhina biyyaa mirkaneesuu fi walooma cimsuuf hojjecha jira jedhaniiru.
Hojii kana haalaan dhugomsuufis aadaa hojii gaarii cimsuu, dhaabbilee aadaa ijaaruu, misooma Afaanii fi aartii cimsuu akkasuma fayyadama tekinolojii guddisuu irratti bal'inaan hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Ammayyummaa duudhaalee aadaa ka’umsa hin godhaneen biyyaa fi dhaloota ijaaruun akka hin danda'amne eeranii; biyya badhaatee ijaaruuf duudhaa keenyaan dhaloota ijaaruu qabna jedhaniiru.
Duudhaaleen aadaa qajeeltoowwan seeraa fi sirna ammayyaa osoo hin faalleessiin hariiroo hawaasummaa keessatti walhubannaan akka dagaagu, aadaan demokraasii akka gabbatu, waliif amanamuu fi aboomamuun akka jiraatu, aadaan hojii fi hojimaanni dinagdee akka fooyya’u taasisuu keessatti humna guddaa waan qabaniif mootummaan naannicha duudhaa saba Oromoon dhaloota ijaaruu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira jedhaniiru.
Hayyoonni hojii kana ogummaan deeggaruun gahee isaanii akka bahan gaafataniiru.
Kora kanarratti Daarektarri olaanaa Instiitiyutii qorannoo Oromoo Doktar Dirribaa Tarraafa gama isaaniin, insitiitiyutichi erga hundaa'ee dhihoo ta'us hojii qorannoo fi qo'annoo Afaan, aadaa, seenaa fi aartii Oromooratti hojii bal'a hojjechuu himaniiru.
Instititiyutichi akka waliigalaatti hojii qorannoo fi qo'annoo Afaan, aadaa, seenaa fi aartii Oromoo irratti xiyyeeffate kan hojjetu ta'uu eeraniiru.
Hojii qorannoo Oromootiin waggoota 20'n darban dhimma aadaa fi seenaa Oromoorratti xiyyeeffachuun mata duree adda addaan kitaabilee 80 ol afaan Oromoo, Amaaraa fi Ingiliziin maxxanfamuu ibsaniiru.
Inistiitiyutiin qorannoo Oromoo bara 2014 bifa haaraan erga hundaa'ee asis kitaaboota 31 maxansiisuu himaniiru.
Inistiitiyutiin qorannoo Oromoo gaaffii baroota dheeraaf Ummanni Oromoo gama qorannootiin qabu deebisuuf hojiiwwan hojjetu kannee Dhaabbilee barnoota olaanoo waliin qindaa'uun hayyoota hedduu hirmaachisee dhimmoota garaagaraarratti qorannoowwan baay'ee geggeessaa jirachuu himaniiru.
Inistiitiyutichi yeroo ammaa mata dure adda addaa 200 irratti qorannoo taasisaa jirachuu himanii, bara kana qofaa kitaaboota gosa garaagara 10 maxxaansiisuuf mana maxxansaa galchuu eeraniiru.
Kana malees, Kora qorannoo Oromoo sadarkaasaa eeggate qopheessuun hayyootaa fi beektonni Oromoo wal arganii rakkoo Ummanni Oromoo qaburratti mari'achuun fala waaraa akka kaa'an taasisaa jira jedhaniiru.
Hojii Hojjetame kanaanis milkaa'inni hedduu galmaa'uu eeranii, hojiin kun seenaa dabe sirreesuun dhaloonni duudhaa sabichaan akka ijaaramu bu'uura gaarii kaa'aa jirachuu ibsaniiru.
Qorannoo hojjetamu baay'inaa fi qulqullina olaanaan hojjechuun hawaasni irraa fayyadama akka ta'u taasifama jiraachuus eeraniiru.