Seenessoota Hammataa Hubachiisuun fi Ijaarsa Eenyummaa Waloorratti jalqabaman Cimsuun Ittifufuu Barbaachisa - ENA Afaan Oromoo
Seenessoota Hammataa Hubachiisuun fi Ijaarsa Eenyummaa Waloorratti jalqabaman Cimsuun Ittifufuu Barbaachisa

Waxabajjii 05/2017(TOI)- Ogeeyyoni Miidiyaa fi Komunikeeshinii Seenessoota Hammataa Hubachiisuun fi Ijaarsa Eenyummaa Waloorratti jalqabaman Cimsuun Ittifufsiisuu Akka Qaban Paartiit Badhaadhinaatti Hoogganaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa Beeksisan.
Gaggeessitootaa fi Ogeeyyota Miidiyaa fi Komunikeeshinii Naannoo Affaariif Mata Duree “Bara Dhugaan Boodaa Dhugaa fi Beekumsaan” jedhuun Magaalaa Samaraatti Leenjiin Kennamaa Jira.
Paartiit Badhaadhinaatti Hoogganaan Damee Hariiroo Ummataa fi Idil Addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa Wayita Kana Akkan Ibsanitti, Waggoottan Jijjiiramaa Torba Darbanitti Seenessoota Hammatoo Hubachiisuu fi Eenyummaa Waloo Ta’anirratti Xiyyeeffachuun Hojjetamaa Tureera.
Kanaanis Imala Tokkummaa Sabdaneessummaa Ta’eef Bu’ura Cimaa Buusuun Danda’amuu Dubbataniiru.
Bara Dhugaan Boodaa Dhimmoota Obbolummaa fi Obboleettummaa Waloo Guddisanirratti Xiyyeeffachuun Akka Barbaachisu Eeranii, Gama Kanaan Ogeeyyonni Miidiyaa fi Komunikeeshinii Bu’aalee Waggoottan Jijjiiramaa Keessatti Argaman Cimsanii Ittifufsiisuu Akka Qaban Hubachiisaniiru.
Waltajjicharratti Kan Argaman Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Affaar Mahaammad Huseen Gamasaaniin, Waggoottan Toorba Darban Tokkummaan Sabdaneessummaa Cimuusaa Ibsaniiru.
Ogeeyyonni Miidiyaa fi Komunikeeshinii Seenessa Hammataa Hubachiisuurratti Xiyyeeffatanii Hojjechuu Akka Qaban Hubachiisaniiru.
Leenjiin Kun Guyyoota Walitti Aanan Sadiif Nitura.