Riifoormiin dinagdee Gooroo Sharafni Biyyaa Alaa Beelladarraa Argamu Akka dabalu Taasiseera-Inistiitiyuuticha - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiin dinagdee Gooroo Sharafni Biyyaa Alaa Beelladarraa Argamu Akka dabalu Taasiseera-Inistiitiyuuticha

Waxabajjii 05/2017(TOI)- Riifoormiin dinagdee Gooroo Sharafni Biyyaa Alaa Beelladarraa Argamu Akka dabalu Taasisuusaa Inistiitiyuutiin Misooma Beellada Itiyoophiya Ibse.
Bara Bajataa 2017 baatii 10 Keessatti Galiin Doolaara Miiliyoona 100 Caalu Argamuusaa Inistiitiyuutichi Beeksiseera.
Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Diktar Asraat Xeeraa TOItti Akka Himanitti Bara Bajataa 2017 Foon, Hambaawwan Qlmaa, Damma, Gagaa fi Bu’awwan Gagaarraa Annanii fi bu’aalee Aannaniirraa Galii Doolaarri Ameerikaa Miiliyoona 122 Argachuuf Karoorfamee Hojjetamaa Turuu Ibsaniiru.
Bara Bajatichaa Baatii 10 Keessatti Galiin Doolaaraa Ameerikaa Miiliyoona 100 Tuqaa 23 Argamuu ibsanii, Kan Bar-dheengaddaan Walbira Qabamee Yoo Ilaalamu Dhibbantaa 28 Caalmaa Qaba Jedhaniiru.
Akka Dr. Asiraat Ibsanitti Galiin dhibbantaan 98 ta’u Kan Argame Hoolaa, Re’ee, Loon Maalaa fi Foon Gaalaa Kan Hafe Damma, Aannan Gaalaa fi Lukkuu Irraayyi.
Loon Karaa Seeraan Alaa Biyya Alaatti Baafaman Hafuu fi Sharafni Biyya Alaa Baankotaa fi Gabaa Seeraan Alaa Jidduu Ture Walitti Dhihaachuun Milkaa’ina Kanaaf Sababa Ta’uu Eeraniiru.