Xaanaanesh 2 Imalashee itti fuftee har’a Adaamaa geesseetti - ENA Afaan Oromoo
Xaanaanesh 2 Imalashee itti fuftee har’a Adaamaa geesseetti

Waxabajjii 04/2017(TOI)-Galaanaa Xaanaa irratti tajaajila Geejibaa kennuu fi hawwattummaa Turizimii guddisuuf yaadamee gara biyya keessatti imalchiifamaa kan jirtu Dooniin xaanaanesh-2 Magaalaa Adaamaa geesseetti.
Xaanaanesh 2 Adaamaa yeroo Geessu gaggeessitoonnii hojii fi hoggantoonni Geejibaa Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa, Kantiibaan Magaalaa Adaamaa fi Jiraattonni Magaalichaa simannaa godhaniiruuf.
Jibuutii buufata Doolaareeh kaatee imala Itiyoophiyaarra kan jirtu Xaanaash2 imala yero dheeraa booda guyyaa har’aa Magaalaa Adaamaa galteetti .
“Xaanaanesh 2 Meetiriik Toonii 150 Kan Ulfaattu Yoo Ta’u dheerinni ishee Meetira 38 Akkasumas namoota 188 fe’uu Akka Dandeessu ibsameera.
Geejibni Galaanaa fi loojistiksii Itiyoophiyaa Galaanota adda addaarratti geejiba galaanaa Doonii ammayyaa’aan deeggarame tajaajila geejibaa bishaanirraa kennuuf tattaaffii taassisaa jiraachuun ni yaadatama.
Akka Kanaan Doonii ammayyaa fichisiisuun biyya keessatti geejjiba galaanarraa dhaqabamaa taasisuuf tattaaffiin godhamaa jiraachuu ibsuun, Xaanaanesh 2 gara Baahir Daaritti imalaa jiraachuu dhaabbatichi beeksiseera.
Gara fuulduraattis Laangaanoo fi Shaala dabalatee galaanota hundarratti doonii ammaayaan geejiba Bishaanirraa kennuuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuu gabaasuun keenya ni yaadatama.
Immalli Xaanaash 2 milkaa’aa akka ta’uuf Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa fi miseensonni poolisii Tiraafikaa Naannoolee gahee guddaa gumaachaa jiraachuun ibsamaeera.
Dabalataanis Humna ibsaa Itiyoophiyaa fi tajaajilli ibsaa itiyoophiyaa Doonicha dabarsuuf Sarara ibsaa daadndiirra jiran kaasuun akkasumas Shoboo citan saffisaan deebisuun hirmaannaa gochaa jiraachuu ibsaniiru .