Misooma Magaalattiitti Hojjetaman Keessatti Dargaggoonni Gumaacha Olaanaa Bahaa Jiru

Waxabajjii 04/2017(TOI)- Dargaggoonni Misooma Magaalattiitti Hojjetaman, Pirojektoota Biyyaalessaa fi Nagaa Buusuu Keessatti Gumaacha Olaanaa Bahaa Akka Jiran Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee Ibsan.

Kantiibaa Adaanech Abeebee Mata Duree “Gumaacha Dargaggootaa Badhaadhina Hundagaleessaaf” Jedhuun Dargaggoota Kutaa Magaalaa Hundarraa Walitti Dhufan Walii Mari’ataniiru.

Kantiibaa Adaanech Waltajjicharratti Ergaa Dabarsaniin, Dargaggoonni Biyyaaf Humnaa fi Abdiidha.

Mootummaan Biyya Dinagdeen Guddattee fi Lammiileef Mijattu Ijaaruuf Xiyyeeffatee Hojjechaa Akka Jiru Ibsanii, Kana Keessatti Dargaggoonni Qooda olaanaa Bahaa Jiru Jedhaniiru.


Dargaggoonni Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuuf Haala Waliin Of Gahoomsuun Cimanii Hojjechuu Aka Qaban Hubachiisaniiru.

Hojiilee misoomaa Magaalaa Finfinneetti hojjetaman, Pirojektoota Biyyaalessaa fi Nagaa Waaraa Buusuu Keessatti Qooda Olaanaa Bahaa Akka jiran Dubbataniiru.

Dhaloonni Ammaa Pirojektoota Biyyaalessaa Gurguddoo, Ashaaraa Magariisaa, Hojiiwwan Nyaataan Ofdanda’uuf Hojjetamanii fi Hojiilee Misoomaa Biroo Keessatti Seenaa Hojjechaa Akka Jiru Eeraniiru.

Itiyoophiyaan Kan Badhaatu Qabeenya Uumamaashee fi Dargaggoo qabduun ta’uu Ibsaniiru.

Hojiileen Dargaggoota Dameelee Gragaraan Fayyadamoo Taasisuuf Jalqabaman  Akka Ittifufan Mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015