Tamsaasa Kallatti:

Godina Gujiitti lafa Jallisiin misoome irraa fuduraa fi midhaan hiddaa kuntaalli Miiliyoona tokkoo ol sassaabameera  

Waxabajjii 04/2017(TOI)-Godina Gujiitti lafa jallisiin misoome irraa fuduraa fi midhaan hiddaa kuntaalli Miiliyoona tokkoo ol sassaabamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa  ibseera.  

Godinichatti Baatii Hagayaa hanga Mudde Walakkaatti Waqtii Jallisii marsaa jalqabaa,  baatii Guraandhala jalqabaa hanga Caamsaa dhumaatti  marsaa 2ffaa  waktii jallisii ta’uu ibsaniiru .

 Waajjirichatti Ogeessi Misooma Midhaanii Obbo Mangistuu Hirbaayyee Godinichatti  hojii misooma  Jallisii Marsaa 2ffaan lafti  hektaarri  Kuma 12 fi 78  misoomuu ibsaniiru.

Kana irraas  omisha kuntaala miiliyoona 1tuqaa 5 ol  sassaabuun  gabaaf dhiheessuuf karoorfamee hojiitti galamuu yaadachuun, hojii hanga ammaatti hojjetameen  Omishni  kuduraa fi midhaan hiddaa  kuntaalli miiliyoona 1 ol  sassaabamuu ibsaniiru.    

Kuduraa fi  midhaan hiddaa Jallisiin Misooman keessaa Dinnicha, timaatimii, goommana, qaaraa, kaarotii,hundeediimaa fi salaaxaan fakkeenyaaf Eeraniiru.

Omishicha guddisuuf xaa’oo  uumamaa meetir kuubii kuma 43 fi 91 fi  xaa’oon Warshaa kuntaala kuma 1 fi 626, sanyii filatamaa kuntaala kuma 16 fi 803  hojiirra ooluu eeraniiru .

Furdisa lonii cinaatti qonnaan bultootoonnii fi horsiisee bultootni kuma 23 fi 797  Misoomicharratti hirmaachuu isaanii ibsaniiru .

Omistummaa misooma jallisii guddisuuf qophii Oyiruu irraa hanga Walitti Qabuutti deeggarsi ogeessaa taassifamuu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015