Misoomni koriidarii Hararitti hojjetame Naannoo Qulqulluu akka jiraannu nu taassiseera-Jiraattota - ENA Afaan Oromoo
Misoomni koriidarii Hararitti hojjetame Naannoo Qulqulluu akka jiraannu nu taassiseera-Jiraattota

Waxabajjii 04/2017(TOI)-Misoomni koriidarii Magaalaa Hararitti hojjetame Magaalattii Miidhagsuu irra darbee naannoo qulqulluu keessa akka jiraannu nu taassiseera jechuun ibsan jiraattonni Magaalittii.
Hojiin misooma koriidaraa magaala Harar miidhaginaanis, Milkaa’inaanis agarsiistuu gaarii ta’ee qabatamaan kan argamuu fi namoota hedduu biratti dinqisiifatamaa jira.
Jiraattota Magaalaa Harar keessaa Aadde Giizmaan Abdii fi Aadde Almaaz Xilahun Misoomni koriidaraa Miidhagina Magaalaa ta’uurra darbee jiraattonni magaalittii haala mijataa fi naannoo qulqulluu keessa akka jiraannu nu taassiseera jedhaniiru.
Hojiiwwan misoomaa raawwatamaa jiran bakkeewwan bashannanaa, daandii lafoo fi kanneen biroo Sadarkaa Magalittii Kan eeggatan ta’uu kaasaniiru.
Daandiin Jogol ammaan dura sirriitti waan hin hojjetamneef sochiif rakkisaa fi hanqina qulqullinaa kan qabu akka ture kaasuun, yeroo ammaa kan jaallatamuu fi hunduu yoo daawwate kan itti gammadu ta’eera jechuun yaadasaanii ibsaniiru .
Jiraattonni Magaalichaa biroon Obbo Haayiluu Gabree fi obbo Mahaammad Shaashi gama isaaniin, misoomni koriidarii Harar kan miidhagde, tuuristootaaf filatamtuu fi magaala qulqulluu ijaaruu dandeessiseera jedhaniiru.
Naannoon jogolii fi keessishee ammaan dura hanqina qulqullinaa akka qabu yaadachuun yeroo ammaa baay’ee qulqulluu fi naannoo hawwattuu gochuu danda’uu kaasaniiru.
Haata’u malee misooma koriidaraa miidhagina magaalaa fi jiraattonni Fayyasaanii Akka Eeggatan Gochuun Agarsiiftuu Gaarii Ta’uu Dubbataniiru.