Gumiin Nageenyaa Biyyaalessaa Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Baahir Daaritti Eegalame - ENA Afaan Oromoo
Gumiin Nageenyaa Biyyaalessaa Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Baahir Daaritti Eegalame

Waxabajii 04/2017 (TOI)- Gumiin Nageenyaa Biyyaalessaa Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa 3ffaan Magaalaa Baahir Daaritti Eegalame.
Gumiin Nageenyaa Gumiin Dhaabbilee Amantaa Naannoo Amaaraa Gumii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Waliin Mata Duree “Amantaaleen Nageenyaaf,Walkabajaa fi Waloomaaf” Jedhuun Qopheesse Taa’amaa Jira.
Bulchaan Naannoo Amaaraa Obbo Araggaa Kabbadaa, Barreessaan Waliigalaa Gumii Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa, Abbootiin Olaanoo Dhaabbilee Amantaa, Keessummoonni Naannolee Addaddaarraa Waamamanii fi Hooggantoonni Olaanoo Naannichaa Biroon Gumii Kanarratti Argamaniiru.
Hirmaattonni 400 Caalan Gumii Biyyaalessaa Kanarratti Kna Hirmaatan Yoo Ta’u, Sanadoonni Lama Dhihaatanii Akka Mari’atamu Ni’eegama.