Bara 2018 Dinagdeen Itiyoophiyaa Dhibbantaa 8 Tuqaa 9 Akka guddatu Ni’eegama-Ministira Maallaqqaa Ahimad Shidee - ENA Afaan Oromoo
Bara 2018 Dinagdeen Itiyoophiyaa Dhibbantaa 8 Tuqaa 9 Akka guddatu Ni’eegama-Ministira Maallaqqaa Ahimad Shidee

Waxabajjii 03/2017(TOI)-Bara 2018 Dinagdeen Itiyoophiyaa Dhibbantaa 8 Tuqaa 9 Akka guddatu Ni’eegama-Ministira Maallaqqaa Ahimad Shidee Dubbatan.
Wixineen Bajataa Bara 2018 Birrii Tiriiliyoona 1 tuqaa 93 Ta’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Dhihaatera.
Manni Marichaa Walgahii Idilee 35ffaa Har’a Taa’een Wixinee Ibsa Bajata Federaalaa Bara Bajataa 2018 Ministirri Maallaqaa Ahimad Shibee Dhiheessan Dhaggeeffateera.
Dinagde Gooroo Bara Jiddugaleessaa fi Hammattoo Fisikaalii Hordofee Bajanni Mootummaa Federaalaa Bara Bajataa 2018 Birrii Tiriiliyoona 1 Tuqaa 93 Ta’uun Qophaa’eera.
Bajanni Kun Bajata Dabalataa dabalee Kan Bara 2017 Dhibbantaa 34 Tuqaa 4n Guddina guddateera jedhan.
Bajata Baasii Keessaa Birriin Tiriiliyoonii 1 Tuqaa 2 Baasii Idilee, Birriin Biiliyoona 415 Tuqaa 2 Baasii Kaappitaalaa, Birriin Biiliyoona 315 Deeggarsa Naannolee fi Birriin Biiliyoona 14 Galmoota misooma Egereef Kan Ramadame Ta’uu Ibsaniiru.
Galii IalaalchiseeGaliin Waligalaa Mootummaa Federaalaa Bara bajataa 2018 Deeggarsa biyya alaa ilaalchisee Tiriiliyoonii 1 tuqaa 5 Akka Ta’uu Tilmaamamuu Ibsaniiru.
Haala Kanaan Guddinni Dinadee Itiyoophiyaa Baraa 2018 Dhibbantaa 8 tuqaa 9 Akka Ta’u Ni’eegama Jedhaniiru.
Manni Marichaa Yaada Wixinee Bajataarratti Kaafaman Itti dabaluun Koree Dhaabbataa Pilaanii, Bajataa fi Faayinaansiif Qajeelcheera.