Hojiileen Misoomaa Garagaraa Magaalaa Finfinneetti Hojjetamaa Jiran Ajaa’ibsiisoodha-Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaa Vahan Kostaaniyaan - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen Misoomaa Garagaraa Magaalaa Finfinneetti Hojjetamaa Jiran Ajaa’ibsiisoodha-Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaa Vahan Kostaaniyaan
Waxabajjii 03/2017(TOI)- Hojiileen Misoomaa Garagaraa Magaalaa Finfinneetti Hojjetamaa Jiran Ajaa’ibsiisoo Ta’uu Itti Aanaan Ministira Dhimma Alaa Armeeniyaa Vahan Kostaaniyaan Ibsan.
Itiyoophiyaa fi Armeeniyaan Hariiroo Bara dheeraaf Qaban Caalaatti Cimsuuf Akka Hojjetan Ibsaniiru.
Itti Aanaan Ministira Dhimma Alaa Armeeniyaa Vahan Kostaaniyaan Har’a TOI Waliin Turtii Taasisaniiru.
Itti Aanaan Ministira Dhimma Alaa Armeeniyaa Vahan Kostaaniyaan Akka Ibsanitti, Hojiileen Misoomaa fi Ijaarsi Gurguddoo Garagaraan Magaalaa Finfinneetti Argan dinqisiisoo fi Dandeettii Dorgommii Magaalattiin Addunyaarratti Qabduu Kan guddisanidha.
Ummanni Itiyoophiyaa Jaalala Namaa Kan Qabu, Keessummaa Kan Simatu Ta’uu Kan Ibsan Itti Aanaan Ministira Dhimma Alaa Kostaaniyaan, Itiyoophiyaatti Turtii Gaarii Dabarsuusaanii Dubbataniiru.
Armeeniyaan Barnoota, Teeknooloojii fi Fayyaadhaan Beekamtii Kan Qabdu Eeranii, Muuxannoo Kanneenii fi Kanneen Biroon Qabdu Itiyoophiyaaf Qooduuf Qophii Ta’uu Dubbataniiru.
Gama Biraan Dijitaalaayizeeshinii fi Tajaajiloota Mootummaa Teeknooloojiin Kennuutiin Itiyoophiyaa Waliin Hojjechuuf Qophii Ta’uu Ibsaniiru.
Hariiroon Gamlamee Itiyoophiyaa fi Armeeniyaa Caalaatti Cimsuuf Akka Hojjetanis Kostaaniyaan Dubbataniiru.
Armeeniyaan Hariiroo Dippilomaasii Itiyoophiyaa Waliin Qabdu Cimsuuf Kutannoo Akka Qabdu Eeranii, Gama Itiyoophiyaatiinis Kutannoo Kana Hubachuusaanii Eeraniiru.