Jiddugaleessonni Gabaa Oomishaa Finfinneetti Ijaaraman Oomishtootaa fi Shamattootaa Kallattiin Walitti Fiduun Gumaacha Guddaa Taasisaa Jiru-Kantiibaa daanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Jiddugaleessonni Gabaa Oomishaa Finfinneetti Ijaaraman Oomishtootaa fi Shamattootaa Kallattiin Walitti Fiduun Gumaacha Guddaa Taasisaa Jiru-Kantiibaa daanech Abeebee

Waxabajjii 03/2017(TOI)- Jiddugaleessonni Gabaa Oomishaa Magaalaa Finfinneetti Ijaaraman Oomishtootaa fi Shamattootaa Kallattiin Walitti Fiduun Qaala’insa Jireenyaa Gatii Gabaa Hir’isuun Gumaacha Guddaa Taasisaa Akka Jiran Kantiibaa daanech Abeebee Ibsan.
Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee fi Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Riijinii Dr. Kaasahun Goofee Jiddugala gabaa Hundagaleessa Laaftoo Lakk. Lama Har’a Eebbisanii Hojii Jalqabsiisaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee Wayita Kana Akka Jedhanitti, Jiddugaleessonni Gabaa Finfinnee Bakkeewwan Garagaraatti Ijaaraman Oomishtootaa fi Shamattoota Walitti Fiduun Kallattiin Walitti Fiduun Qaala’insa Jireenyaa fi Gatii Gabaa Hir’isuun Gumaacha Taasisaa Akka Jiran Dubbataniiru.
Jiddugalli Gabaa Laaftoo Lkk. Lama Har’a Eebbifames Oomishtootaa fi Shamattoota Walitti Fiduun Qaala’insa Jireenyaa fi Gatii Gabaa Hir’isuun Fayyadama Jiraattotaa Mirkaneessuuf Akka Dandeessisu Ibsaniiru.
Amma Ammaatti Pirojektoonni Faayidaa Dinagdee fi Hawaasummaa Qaban Ijaaramanii Tajaajila Kennaa Akka Jiran Dubbataniiru.
Ministirri Daldalaa Fi Walitti Hidhamiinsa Riijinii Dr. Kaasahun Goofee Gamasaaniin, Hawaasni Oomishaalee Qulqullinaan Oomishaman Gatii Madaalawaan Akka Argatuu fi Qaala’insa Gatii Hir’isuuf Bu’uraalee Misooma Gabaa Babal’isuun Cimee Ittifufa Jedhaniiru.
Jiddugalli Gabaa Laaftoo Lakkoofsi Lama Lafa Heektaara 8 tuqaa 8 Irratti Kan Ijaaramedha.