Liigicha Kan Mo’ate Madin Itiyoophiyaan Injifate

Waxabajjii 03/2017(TOI)- Sagantaa Torbee 34ffaa Piriimerliigii Itiyoophiyaatiin Madin Itiyoophiyaan Machaaliin 2 fi 0n Injifateera.

Akkaataa Qabxii Kanaatiin Yeroo Jalqabaaf Waancaa Kan Mo’ate Madin Itiyoophiyaan Qabxiisaa 67n Gaheera. Bara Dorgommii Kanatti Injifannoo 20ffaa Galmeessiseera.

Machaal Tapha Liigii Kanaan Yeroo 8ffaaf Yoo Mo’amu Qabxii 44n Sadarkaa 9ffaa Qabateera. Garichi Taphoota saddet Darban Hinmo’anne.

Sa’aatii 12 Irraa Eegalee Itiyoo Elektiriikii fi Faasil Kanamaan Taphachaa Jiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015