Faayidaa Biyyaalessaa Kabachiisuu fi Nageenya Fulla’aa Mirkaneessuuf Carraaqqii Qindaa’aa Barbaachisa

Waxabajjii 03/2017(TOI)-Faayidaa Biyyaalessaa Kabachiisuu fi Nageenya Fulla’aa Mirkaneessuuf Carraaqqii Qindaa’aa TaasisuunKallattii Itti Aanu Ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Hoogganaan Jiddugala qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah Ibsan.

Mariin Haala Siyaasaa Wayitaawaa, Haqa Mul’ataa fi Ittigaafatama Irratti Hooggantoota Paartilee Siyaasaa Hirmaachise Adeemsifamaa Jira.

Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Hoogganaan Jiddugala qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah, Maricharratti Haala Siyaasaa Wayitaawaa Itiyoophiyaa, Ijaarsa Nageenya Fulla’aa, Dirree Siyaasaa Bal’isuu Akkasumas Dhimmoota Itti Aananirratti Sanada Mriif Ka’umsa Ta’u Dhiheessanii Mariin Taasifameera.

Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Sanada Kallattii Fuulduraa Ilalchisuun Dhiheessan Irratti Dirree Siyaasaa Caalaatti Bal’isuun Akka Barbaachisu Kaasaniiru.

Faayidaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Kabachiisuu fi Nageenya Fulla’aa Mirkaneessuuf Carraaqqii Qindaa’aa Taasisuun Kallattii Fuulduraa Ta’uu Ibsaniiru.

Misooma Dinagdee fi Hawaasummaa Si’achiisuun Fayyadama Ummattootaa Guddisuun Dhimma Ijoo isa Biraa Ta’uu Eeraniiru.

Mariin Biyyaalessaa Hammataa Ta’eef Akka milkaa’u Hundi Qoodasaa Bahuu Akka Qabu Mari’atameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015