Tumsa Qaamolee Deeggarsaa Waliin Taasifamanii fi Hojiilee Fulla’aa Ta’aniin Dhukkuboota Daddarboo To’achuun Nidanda’ama

Waxabajjii 03/2017(TOI)- Tumsa Qaamolee Deeggarsaa Waliin Taasifamanii fi Hojiilee Fulla’aa Ta’aniin Dhukkuboota Daddarboo To’achuun Akka Danda’amu Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa Ibsan.

Chaayinaan Talaallii Dhukkuba Koleeraa Namoota Kuma 321f Oolu Har’a Deeggarsa Kenniteetti.

Ministirri Fayyaa Dr. Maqdas Dhaabaa fi Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Chen Hayi Bakka Argamanitti Talaalliin Dhukkuba Koleeraaa Chaayinaarraa Deeggarsaan Argame Walharkaa Fuudhiinsi Taasifameera.

Ministirri Fayya Dr. Maqas Dhaabaa Saganticharratti Akka Jedhanitti, Deeggarsi Chaayinaa Kun Dhukkuboota Daddarboo fi To’achuun Danda’amu Dhaabuuf Carraaqqii Idil Addunyaa Akka Barbaachisu Agarsiiftuudha.

Hojiiwwan Fayyaarratti Chaayinaan Deeggartuu Cimtuu Ta’uushee Eeranii, Deeggrsa taasifteef Galateeffataniiru.

Deeggarsi Kun Keessumaa Bakkeewwan dhukkuba Koleeraa Qabamuuf Yaaddoo ta’anitti Barbaachisaa Ta’uu Beeksisaniiru.

Dhukkuboota Daddarboo fi To’achuun Danda’amu Tumsa Qaamolii deeggartootaa Waliin Taasifamuun, Karoora Tarsiimoo I Hojii Fulla’aan To’achuun Akka Danda’amu Dubbataniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Chaayinaa Chen Hayi Gamasaaniin, Tumsi Itiyophiyaa fi Chaayinaa Gama Fayyaan Jiru Fayyadama Waloorratti Kan Xiyyeeffate, Yeroo Dheeraaf Kan Turee fi Cimaa Ta’uu Kaasaniiru.

Chaayinaan Deeggarsa Dawaa, Talaallii fi Tajaajila Waldhaansaa Gochuun Gargaarsa Taasiftu Ittifufuushee Dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015