Naannoo Oromiyaatti raawwiin pirojeektota Bu’uuraalee Misoomaa Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan bu’aa qabeessadha - ENA Afaan Oromoo
Naannoo Oromiyaatti raawwiin pirojeektota Bu’uuraalee Misoomaa Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan bu’aa qabeessadha

Waxabajjii 03/2017(TOI)-Naannoo Oromiyaatti Raawwiin Pirojeektota Bu’uuraalee Misoomaa Fayyadamummaa Hawaasaa Guddisan Bu’aa Qabeessa Ta’uu Itti Aanaan Pirezidantii Naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii Ibsan.
Itti Aanaan Pirezidaantichaa raawwii pirojektoota Misoomaa Naannichaa ilaalchisuun Ibsa kennaniiru.
Ibsa isaaniin, motummaan Naannichaa bara baajatichaatti nageenya amansiisaa buusuun Cinatti hojiilee bu’uuraalee misoomaa bal’inaan hojjechaa jira jedhaniiru.
Nageenya Amansiisaa buusuu ilaachisee Hawaasa Hirmaachisuun hojii hojjetameen nagaa fi tas-gabbii mirkaneessuun danda’ameera jedhaniiru.
Nageenya argameef uummataa galateeffachuun, Nageenya jabeessuuf hojiiwwan hafan cimanii ittifufu jechuun hubachuusaniiru.
Nageenya argameen Hojiiwwan Misoomaa Hawaasa Fayyadamaa taassisan haala ittifufinsa qabuun hojjetamuu danda’uu ibsaniiru.
Mootummaan Naannichaa hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa haala Walfakkaataa Ta’een qulqullinaa fi saffisaan akka raawwatamaniif xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa turuu ibsaniiru.
Bara baajtichaatti gaaffii bulchiinsa gaarii hawaasaa ta’uun kan turan hojiiwwan pirojektiin Daandii, Bishaanii, Mana Barnootaa fi Fayyaa bal’inaan raawwatamaniiru jedhaniiru .
Bara baajatichaatti baasii birrrii biiliyoona 200 oliin pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa kuma 34 ol hojjetaa turuu ibsaniiruu.
Pirojeektota Kana keessaa dhibbentaa 73 kan ta’aa hirmaannaa hawaasaan kan raawwataman yoo ta’u kanneen hafan Mootummaa fi deeggartoota biroon kan raawwataman ta’uu kaasaniiru.
Pirojektoota bu’uuraalee misoomaa ijaarsarra jiran keessaa kuma 27 ijaarsi isaanii raawwatamee eebbaaf qophaa’uu beeksisaniiru.
Naannichatti pirojektoota hirmaannaa hawaasan raawwataman keessaa kuma 11 Mana Jireenyaa Barsiisotaa, kuma 4 Mana Barumsaa Idileen duraa, fi 800 Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaan akka argaman isaniiru.
Dabalataanis Fooya’insa Sadarakaa Manneen Barnootaa bakeewwan oolmaa Daa’immanii fi daa’imman itti taphataan akkasumas, hojiiwwan suphaa daandii fi ijaarsa riqichaa hirmaannaa hawaasaan raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Walumaa Gala Hojiileen Nagaa Cimsuu fi Misooma Saffisiisuu Mootumaan naannichaa Jalqabe Caalaatti Nicimu Jedhaniiru.
Gutummaan hojii nageenya cimsuu fi misooma saffisiisuu eegalame caalaatti ni cimu jedhaniiru.