Dandeettii Invastimantii Itiyoophiyaa Dippilomaasii Dinagdeetiin Faayidaarra Oolchuuf Sochii Dippilomaasii Yeroon Gaafatu Irratti Xiyyeeffatamee Nihojjetama - ENA Afaan Oromoo
Dandeettii Invastimantii Itiyoophiyaa Dippilomaasii Dinagdeetiin Faayidaarra Oolchuuf Sochii Dippilomaasii Yeroon Gaafatu Irratti Xiyyeeffatamee Nihojjetama

Waxabajjii3/2017(TOI)- Dandeettii Invastimantii Itiyoophiyaa Dippilomaasii Dinagdeetiin Faayidaarra Oolchuuf Sochii Dippilomaasii Yeroon Gaafatu Irratti Xiyyeeffatamee Akka Hojjetamu de’eetaan Ministira dhimma Alaa Hadaraa Abarraa ibsan.
Walgahiin Hoggantootaa fi Hojjettootaa Inistitiyuutiin dhimma Alaa Ministeera Dhimma Alaa waliin tumsuun mata duree “Bakkeewwan Turizimii Haaraa Sakatta’uu, Dippilomaasiin Dinagdee Dammaqsituu Imaammata Dhimma Alaa Itiyoophiyaa” jedhuun qopheesse gaggeeffamaa jira.
De’eetaan Ministira dhimma Alaa Ambaasaaddaer Hadara Abarraa waltajichi bu’uura hojii dhimma alaa kan ta’e dippilomaasii Dinagdee jabeessuuf nideeggara jedhaniiru.
Dippilomaasii Dinagdee Riifoormii dinagdee Mandhaaleen haala mijataa carraa Invastimantii Uumameen biyya keessarra darbee invastaroonni alaa akka fayyadamaniif kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru.
Humna Dinagdee Itiyoophiyaa Hawaasa Idil Addunyaa waliin daldalaa, Invastimantii fi dameewwan birooon walitti hidhuun dippilomaasii cimaa uumuuf nihojjetama jedhaniiru.
Kanaafis humna Dilbii Itiyoophiyaa Abbootii Qabeenyaa Alaa fi Invastaroota haala barbaachisuun beeksisuun kan danda’amuu sochiin Dippilomaasii Yeroon Waliin Deemu akka taassifamu dubbataniiru.
Milkaa’ina Riifoormii Dinagdee Mandhaaleef hirmaannaan Dureeyyiin Alaa fi Kaampaaniiwwanii murteessaa ta’uu ibsuun, kanaafis carraawwan fooyya’insa Dinagdeen uumaman sirriitti beeksisuuf nihojjetama jedhaniiru.
Dippiloomaasii Dinagdee Mootummaa qofaa osoo hin ta’iin hirmaannaa hundaa barbaada kan jedhan De’eetaan Ministirichaa, Dinagdee Itiyoophiyaa Ceessisuuf qindoominaan akka hojjetamu ibsaniiru.
Komishinariin Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen Itiyoophiyaan Dilbii Qabduun Akka Misoomtu Dandeettiishee Beeksisuun Deeggartoota Dinagdee Ciccimoo Uumuun Nibarbaachisa Jedhaniiru.
Komishinichi Carraawwan Invastimantii Itiyoophiyaa Beeksisuuf “Tarsiimoo Piroomooshinii Invastimant” Hojiirra Oolchuuf Qophiirra Jiraachuus Ibsaniiru.
Ayerlaand, Israa’eel fi Biyyoonni Kaariibiyaan Biroon Invastimantii Guddisuu Kan Danda’an Invastaroota Ciccimoo Filachuun Akka Ta’e Ibsanii, Itiyoophiyaanis Kanarratti Nixiyyeeffatti Jedhaniiru.
Itiyoophiyaan Afriikaarraa Dorgomtuu fi Biyya Invastimantiif Filatamtu Ta’uushee Eeranii, Ija Dandeettii Dilbii Qabduun Yoo Ilaalame Bay’ee Hojjechuun Nurraa Barbaadama Jedhaniiru
Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Jaafaar Badruu Gamasaaniin, Riifoormiin Dinagdee Mandhalee Fulla’aan Hariiroo Alaa fi Dippilomaasii Biizinasiirratti Akka Xiyyeeffatu Gochuu Dandeessisu Taasifamaa Jiraachuu Dubbataniiru.
Riifoormiin Dinagdee Mandhalee Sochii Dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa fulla’aa Taasisuuf Gargaaru Taasifamuu Eeranii, Milkaa’inasaaf Deeggartoota Idil Addunyaa waliin Hojjechuu NiBarbaachisa Jedhaniiru.