Itti Fayyadama Lammiilee Mirkaneessuuf Dameen Tajaajilaa fi Mulchiinsaa Mootummaa Qooda Olaanaa Qaba-Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa - ENA Afaan Oromoo
Itti Fayyadama Lammiilee Mirkaneessuuf Dameen Tajaajilaa fi Mulchiinsaa Mootummaa Qooda Olaanaa Qaba-Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa

Waxabajjii 03/2017(TOI)- Biyya Tokkotti Guddina Waliigalaa Mirkaneessuu fi Itti Fayyadama Lammiilee Mirkaneessuuf Dameen Tajaajilaa fi Mulchiinsaa Mootummaa Qooda Olaanaa Akka Qabu Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Ibsan.
Koreen Olaanaa Hooggansa Riifoormii Tajaajilaa fi Bulchiinsa Mootummaa Walgahii Idilee Shanaffaa Taa’uusaa Obbo Xurunaan Ibsaniiru.
Marii Taasifneenis Kenniinsa Tajaajilaa Dhaabbilee Marsaa Jalqabaatiin Tajaajila Jiddugala Tokkoo Masoob Galanii fi Qophii Haalduree Dhaabbilee Marsaa Lammaffaatiin Galuuf Qophii Xumuranii Ilaalleerra Jedhaniiru
Dabalataanis Naannolee fi Bulchiinsota Magaalaa Hundaa Keessatti Masoob Jalqabsiisuuf Qophii Haalduree Taasissaa Jiran ilaalchisee Gabaasa dhihaate Qoranneerra.
Kanaaf Dhaabbileen Marsaa Jalqabaatiin Gara Masoob Galan Akkaataa Ulaagaa Kaa’ameen Tajaajila Si’ataa Kennaa Akka Jiran Ilaalleerra Jedhaniiru.
Fuulduras Dhaabbileen Marsaa Lammaffaatiin Masoob Dhufanii fi Hojiileen Naannolee fi Bulchiinsota Magaalaatti Hojjetaman Attamiin Raawwachuu Akka Qabanii fi Sochii Taasisaniif Kallattiin Kaa’ameera Jedhan.