Wixineen Bajataa Bara 2018 BirriinTiriiliyoonii 1 Tuqaa 93 Mama Mareef Dhihaate - ENA Afaan Oromoo
Wixineen Bajataa Bara 2018 BirriinTiriiliyoonii 1 Tuqaa 93 Mama Mareef Dhihaate

Waxabajjii 03/2017(TOI)-Wixineen Bajataa Bara 2018 BirriinTiriiliyoonii 1 Tuqaa 93 Mama Mareef Dhihaate.
Manni Marichaa Walgahii Idilee 35ffaa Har’a Taa’een Wixinee Bajata Federaalaa Bara Bajataa 2018 Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee Dhiheessan Dhaggeeffateera.
Bajanni Kun Riifoormii Dinagdee Gooroo Hojiirra Oolaa Jiruu fi Imaammata Fiiskaalii Xiyyeeffannoo Keessa Galchuun Qophaa’uusaa Ministirichi Ibsaniiru.
Wixineen Bajataa Kun Qaama Karoora Misoomaa waggaa kudhanii Kan Ta’e Karoora Misoomaa fi Invastimantii 2016-2018 fi galmootaa fi Kallattiiwwan Bajata Sagantaa Walsimsiisuun Kaa’aman Gama Raawwachiisuu fi Baay’ina Qabeenyaa Jiraachuu Danda’u Tilmaama Keessa Galchuun Kan Qophaa’e Ta’uu Dubbataniiru.
Hojiilee Xiyyeeffannoon Hojjetaman Keessaa Hojiilee Jalqabaman Ittifufsiisuun, Liqiin Mootummaa fayyaalessa Akka Ta’u Liqeessitoota Waliin Marii Liqiin Itti Dheeratu Taasisuu, Dhiibbaa Riifoormiin Dinagdee Gooroo Geessisu Hir’isuuf Deeggarsa Baasii Hawaasummaa Ittifufsiisuun Akka Keessatti Argaman Eeraniiru.
Bajanni Kun Dhibbantaa 34 Tuqaa 4n Kan Bara 2017 Akka Caalu Ministirichi Ibsaniiru.
Bajanni Kun Harka 80 ol Galii Biyya keessaarraa Kan Argamu yoo Ta’u Maddeen Taaksii Haaraa Sirna Galii Keessatti Dabaluun fi Kan Turan Cimsuun Akka Hojjetamu Ibsaniiru.
Haala Kanaan Bara Bajataa 2018 Waliigala Galii Birrii Tiriiliyoonii 1 Tuqaa 5 Walitti Qabuuf Akka Karoorfame Dubbataniiru.
Sektaroonni Bajanni Ramadameef Kaayyoo Akeekameefiif Akka Oolchan Hubachiisaniiru.
Kanaaf Wixineen Bajataa Bara Bajataa 2018 Birrii Tiriiliyoonii 1 Tuqaa 93 Ta’uun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf Dhihaateera.
Wixineen Bajataa Kun Koree Dhaabbataa Pilaanii, Bajataa fi Faayinaansiif Qajeelfameera.