Itiyoophiyaa fi Armeeniyaan Tumsa Qaban Cimsanii Itti NiFufu-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Waxabajjii 03/2017(TOI)- Itiyoophiyaa fi Armeeniyaan Tumsa Isaanii Seena Qabeessa  Damee Garagaraan Cimsanii Kan Itti NiFufan Ta’uu Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Ibsan.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen Itti Aanaa Ministira Muummee Armeeniyaa Vahaan Kostaaniyaan Waajjirasaaniitti Simatanii Haasofsiisaniiru.

Itti Aanaan Ministira Muummee Kun Ergaa Pirezidaantii Rippaabiliikii Armeeniyaa Vahagni Kachaturiyaan irraa Ergame Pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen Gahaniiru.

Itiyoophiyaa fi Armeeniyaan Hariiroo Cimaa fi Seena Qabeessaa Akka Qaban Pirezidaant Taayyeen Kaasanii, Tumsa Biyyoota Lamaanii Cimsuun Akka Barbaachisu Kaasaniiru.

Itiyoophiyaan Riifoormii Hundagalessa Taasisaa Jirti Kan Jedhan Pirezidaantichi, Dureeyyiin Armeeniyaa Itiyoophiyaatti Invasti Akka Godhan Waamicha Taasisaniiru.

 

Biyyoonni Lamaan Hariiroo Dameelee Dinagdeen, Aadaa fi Barnootaan Qaban Guddisuuf Mari’ataniiru.


Itti Aanaan Ministira Muummee Vahan Kostaniiyaan Gamasaaniin, Armeeniyaan Hariiroo Gamlamee Damee Garagaraan Qabdu Sadarkaa Olaanaatti Ceesisuuf Kutannoon Akka Hojjettu Mirkaneessaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015