Sagantaan Ashaaraa Magariisaa wabii nyaataa keenya mirkaneessuu irra darbee  fayyadamtoota Dinagdee nutaassiseera 

Waxabajjii 03/2017 (TOI)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuu irra darbee fayyadamtoota Dinagdee nutaassiseera jechuun omishtoonni Dammaa Ibsan. 

Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Wabii nyaataa Mirkaneessuu irra darbee faayidaa Dinagdee  kan argamsiisuu ta’uu omishtoonni dammaa naannoolee adda addaa jiraatan dubbatan.

Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Sadarkaa biyyoolessaatti  hojjetamaa jiru qabeenya uumamaa eeguurra darbee wabii nyaataa mirkaneessuuf qooda bakka hin buune kan qabu  ta’uun ni beekama. 

Lammiileen naanoo adda addaa jiraatan sagantichaan deeggaramuun fayyadamummaa dinagdeesaanii guddisuurra darbee akka biyyaatti dhiheessii fi guddina omishaa  irratti  jijjiirami qabatamaan mul’achuu eegaleera. 

Omishtoonni dammaa sagantaa Ashaaraa magariisaa fi maaddii guutuun deeggaramuun  waggaatti yeroo lama omishuun gabaaf dhiheessuun fayyadamummaa isaanii guddisaa jiraachuu dubbataniiru.

Omishtoota dammaa TOIn dubbise keessaa jiraataa Naannoo Amaaraa  Godina kibba walloo  Magaalaa Kombolchaa  Mulgeetaa Mihirat, sagantaa biqiltoonni Ashaaraa Magariisaan dhaabbaman  waan misoomaniif  damma baay’ee omishuun  fayyadamoo ta’uu ibsu.

Damma waggaatti yeroo lama omishan Irraa gaagura tokko irraatii  omisha Kg. 30 ol argachuusaanii dubbataniiru.

Jiraataan Naannoo Oromiyaa Godina Iluu abbaabor magaalaa Mattuu kan ta’an fi  dammaa Misoomsaa kan Jiran   Massalee Takilee gama isaaniin,  Sagantaan Ashaaraa Magariisaa   waggaa guutuu omisha Dammaa akka argatan gumaacha guddaa gumachuu ibsaniiru.   Deeggarsi mootummaan gochaa jiru Keessumaa Oomishtoonni Dammaa Ofirra Darbuun gabaa Idil Addunyaaf akka dhiheessaniif  carraa Akka uumeef  jiraataan Naannoo Tigiriraay Magaalaa Maqalee  obbo Hagos GabraMikaa’el  dubbataniiru.   

Ministeera Qonnaatti hoggannaan damee Misooma kaannisaa  Aziz Ayaloo  akka ibsanitti,  Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Mootummaan eegale Misooma  Dammaaf carraa guddaa argamsiisuu dubbataniiru. Hirmaannaa fi yayyadamummaan Qonnaan bulaa Misooma Dammaa irratti guddachaa dhufuusaa ibsuun,  sirna nyaataa fi madda galiif gahee guddaa  qabaachuu hubachiisaniiru.

Sagantichi  buufata biqiltuu fi Bosonoota Eegumsi Taasifamuuf keessatti Carraa hojii Bal’aa Uumuusaa Eeruun Yeroo AmmaaNamoonni Kuma 400 Carraa Hojii Argachuusaanii Ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015