Tapha Liigichaa Kan Mo’ate Madin Itiyoophiyan Machaal Waliin Nitaphata - ENA Afaan Oromoo
Tapha Liigichaa Kan Mo’ate Madin Itiyoophiyan Machaal Waliin Nitaphata

Waxabajjii 03/2017(TOI)-Sagantaa Torbee 34ffaa Piriimer Liigii Itiyoophiyaatiin Taphoonni Lama Nitaphatamu.
Taphni Madin Itiyoophiyaa fi Machaal Guyyaa Keessaa Sa’aatii 9tti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Adaamaatti Taphatan Xiyyeeffannoo Argateera.
Bunni Itiyoophiyaa Kaleessa Qabxii guutuu dhabuurraa Kan Ka’e Liigicha Dursaa Kan jiru Taphoonni Sadii Osoo Isa Hafanii Yeroo Jalqabaaf Waancaa Mo’achuusaa Mirkaneesseera.
Waggaa Dhufu Madin Itiyoophiyaa Bakka Bu’uun Shaampiyoonsi Liigii Kaaf Irratti Nihirmaata.
Machaal Qabxii 44n sadarkaa 9ffaa Irratti Argama.
Galgala Sa’aatii 12tti Itiyooo Elektiriik fi Faasil Kanamaan Waliin Nitaphatu.
Itiyoo Elektiriikii fi Faasiil Kanamaan Qabxii Walfakkaataa 38n Galchiin Walcaalanii Sadarkaa 13ffaa fi 14ffaa Irratti Argamu.
Mo’achuun Kilaboota Yaaddoo Gadi Bu’uu keessa Jiran Lamaaniif Qabxii Murteessaa sadii Argamsiisaaf.