Riifoormiiwwan Dhaabbilee Murtii Bilisaa fi Ofdanda’aa Gochuuf Taasifaman Jijjiirama Qabatamaa Fidaniiru - ENA Afaan Oromoo
Riifoormiiwwan Dhaabbilee Murtii Bilisaa fi Ofdanda’aa Gochuuf Taasifaman Jijjiirama Qabatamaa Fidaniiru

Caamsaa 02/2017(TOI)- Riifoormiiwwan Dhaabbilee Murtii Bilisaa fi Ofdanda’aa Gochuuf Taasifaman Jijjiirama Qabatamaa Fiduusaanii Itti Aantuun Af’yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Loomii Badhoo Dubbatan.
Manni Murtii Sadarkaa Jalqabaa Federaalaa Argannoo Qu’annoo Ittiquufinsa Tajaajilamtootaa Ilaalchisuun Qooda fudhattoota waliin Woorkshooppii Adeemsisaa Jira.
Itti Aantuun Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Loomii Bdhoo Wayita Kana Akka Dubbatanitti, Seerronni Manni Marichaa Baasu Galma Kaa’ameef Akka Milkeessan Walabummaan Manneen Murtii fi Abbootii Murtii Murteessaadha.
Manni Marichaa Waggoottan Torban Darban Rakkoolee Dhaabbileen Murtii Qaban Furuuf Hojiilee Hedduu Hojjechuusaa Eeraniiru.
Keessumaa Manneen Murtii Federaalaa Walabummaa Bajataa Akka Mirkaneessan Kallattiin Mana Mareef Dhiheessanii Akka Raggaasisan Hojmaanni Kaa’amuu Ibsaniiru.
Tajaajila Manneen Murtii Bu’urarraa Jijjiiruuf Bu’ura Misoomaaf Bajata Barbaachisu Ramaduu, To’annaa fi Hordoffii Taasisuu fi Riifoormiiwwan Dhaabbilee Murtiirratti Taasifaman Biroo Ibsaniiru.
Akkasumas Rakkoolee Dhaabbilee Murteerratti Mul’atan Furuuf Roodmaappiin Qophaa’e Hojjetamaa Akka Jiru Dubbataniiru.
Hojii jijjiiramaa fi Riifoormii Taasifameen Qaqqabummaa, Walabummaa, Iftoominaa fi Tajaajiloota biroorratti Jijjiiramni Qabatamaan Dhufuu Ibsaniiru.
Cimina Qu’annoo Taasifamee Itti fufsiisuunfiHanqinoota Sirreessuun Itti quufinsa Tajaajilamtootaa Dabaluuf Qindoominaan Hojjechuun Akka Barbaachisu Hubachiisaniiru.
Pirezidaantiin Mana Murtii Sadarkaa Jalqabaa Fu’aad Kiyaar Gamasaaniin, Jijjiiramaan Booda Manni Murtii Walaba Ta’ee Ofdanda’ee Hojjechaa Akka Jiru Dubbataniiru.
Kaayyoon guddaan Qu’annoo Kanaa Tajaajilli Murtee Qaama Abbaa Murtiin Kennamu Gama Si’aayinaa, Qaqqabamaa fi Qulqullinaatiin Sadarkaa Manni Murtichaa Irra Jiru Beekuun Xiyyeeffannoo FuulduraafKan Barbaachisan Adda Baasuuf Akka Ta’e Ibsameera.
Dhaabbileen Federaalaa, Bakka Bu’oonni Qaamota Haqaa fi Qooda Fudhattoonni Biroon Woorkishooppii Kanarratti Hirmaataniiru.