Hojiileen Dhaabbilee Demokiraasii Cimsuudhaan Bulchiinsa Gaarii Buusuuf Hojjetaman Cimuu Qabu

Waxabajjii 02/2017 (TOI)- Hojiileen Dhaabbilee Demokiraasii Cimsuudhaan Bulchiinsa Gaarii Buusuuf Mootummaan Hojjete Cimuu Akka Qaban Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhimmoota Demokiraasii Iwunatuu Allenee Hubachiisan.

Dhaabbanni Abbagaar Itiyoohiyaa Waltajjii Raawwii Bulchiinsa Gaarii fi Haqa Bulchiinsaa fi Karoora Dhaabbatichaa Waggaa Shanii Ilaalchisuun Waltajjii Gaggeesseera.

Walitti Qabaan Korichaa Obbo Iwunatuu Allenee Waltajjicharratti Akka Jedhanitti, Ijaarsi Dhaabbilee Demokiraasii Yeroo Gabaabaa Ta’us Miidhaawwan Bulchiinsaa Lammiileerra Gahan Furuurratti Jijjiiramni Dhufuu Hubachiisaniiru.

Mootummaan Dhaabbilee Demokiraasii Cimsuun Bulchiinsi Gaariin Akka Bu’u Gumaach a qaban Guddisuuf Caalaa Hojjechuu qaba Jedhaniiru.

Mari’attoota keessaa Miseensi Koree Dhaabbataa Dhimmoota Demokiraasii Zinnaash Tsaggaayee Akkaataa Dhaabbatichi Komiiwwan Kenniinsa Tajaajilaa Itti fure Gabaasaa fi Daawwannaa Dirreetiin Hordofee Mirkaneessuusaanii Dubbataniiru.

Kun Ammoo Bulchiinsi Gaariin Akka Bu’u Qoodasaa Bahuusaa Kaasaniiru.

Tajaajiloonni Ummataa Hirmaachisaa Ta’anii Itti gaafatama Dhaabbataa Buusuu Akka danda’an Qoonni Dhaabbilee Demokiraasii Olaanaa Ta’uu Kan Kaasan ammoo Waajjira Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Hoogganaa Damee Ogummaa fi Itti aanaan Barreessaa Olaanaa Nugisee Mashashaati.

Tajaajila Mootummaa Bal’achaa Dhufe Qulqullinaa fi Hatattamaan Ummataan Gahuu Irratti Komiiwwan Tajaajilamtootaa Mudatan Furuun Bulchiinsi Gaariin Akka Bu’u Dhaabbatichi Qoodasaa Gumaachuu Dabalanii Ibsaniiru.

Abbagaar Olaantuun Dhaabbata Abbagaar Ummataa Itiyoophiyaa Simmany Wudee Akka Jedhanitti, Tajaajiloota Qaamoleen Raawwachiiftuu fi Dhaabbileen Dhuunfaa Kennan Miidhaa Bulchiinsaaf Akka Hinmiidhamnee fi Wayita Raawwatamanis Furmaata Akka Argatan Hojjetamuusaa Dubbataniiru.

Hojmaata Dhaabbatichaa Ammayyeessuun Miidhaan Gama Bulchiinsaan Qaqqaban Sirni Hatattamaan Itti Furamu Diriirsuuf Caaseffama Dhaabbataa fi Dijiitaalaayizeeshiniirratti Xiyyeeffatamuu Hubachiisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015